in

Godina Wallagga Bahaa, magaalaa Angar Guutee fi naannoo isheetti sochiin hidhattoota Amaaraa guyyaadhaa gara guyyaatti deebi’ee hammaataa dhufuun jiraattota yaaddoo cimaa keessa buuse.


Godina Wallagga Bahaa, magaalaa Angar Guutee fi naannoo isheetti sochiin hidhattoota Amaaraa guyyaadhaa gara guyyaatti deebi’ee hammaataa dhufuun jiraattota yaaddoo cimaa keessa buuse.

 

Yeroo amma humna meeshaalee waraanaa gurguddaa hidhatee fi leenjii waraanaa gahaa qabutu keessaa fi alaa wal ijaaree naannicha buufachuun goolaa jira, haleellaa marsaa biraa eegaluufis qophiitti jiru kan jedhan maddeen odeeffannoo OMN, humni kun guyyaa guyyaan lubbuu namaa balleessaa jira jedhu.

Haalichi hammaataa dhufuu hordofee uummanni hiriira bahuun sochiin humnoota kanaa akka dhaabsifamu gaafatus, qaamni mootummaa garas jiruHumna kana irratti tarkaanfii akka fudhannuuf ajajni nuuf hin darbine” deebii jedhu kennuu ibsan.

Godina Wallaggaa Bahaatti kan argamtu magaalaa Angar Guutee fi naannoo isheetti ji’oota muraasaan dura haleellaa gareen Finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun hidhatee socho’u raawwateen Miseensota Humna Addaa Oromiyaa dabalatee lubbuun namoota dhibbaan lakkaa’amuu darbuu himu jiraattonni.

Haleellaa kana hordofee qaamni mootummaa sochii garee kanaa waggoota lakkoofsise dhaabsisuun, naannichatti nagaa buusuuf tarkaanfilee garaagaraa fudhataa turuun ibsamaa ture.

Tarkaanfilee fudhatamaniin walqabatee naannichatti hamma tokko tasgabbiin uumamuu hordofee uummanni gara magaalaa Naqamtee fi iddoowwan birootti baqatee ture gara qe’ee isaatti akka deebi’u taasifameera.

Haata’u malee torban muraasaa as ammoo haalli naannichaa mul’atu akkaan yaaddessaa ta’aa dhufeeraa jedhu jiraattonni.

Yeroo ammaa Humni kun deebi’ee wal ijaaruun hidhannoo waraanaa gurguddaan deeggaramee naannicha keessa socho’aa jiraachuun, darbees haleellaa raawwatu bifa haaraan eegalee jiraachuun dhimma akkaan yaaddessaa tahaa dhufedha jedhu jiraataan magaalaa Angar Guuteetii bilbilaan arganne dubbifne. Tibbanuma qofa humni kun yoo xiqqaate lubbuu namoota 5 dabarsuu hima.

Maanguddoon haala naannichatti mul’atu ilaalchisuun bilbilaan yaada nuuf kennan gama isaaniin sochii humna kanaan walqabatee, daandiin cufamee jiraachuu, ba’aagala danqamanii haala ulfaataa keessa jiraachuu fi guyyaa guyyaan lubbuun namaa darbaa jiraachuu himan.

Uummanni halkan rafee bulaa hin jiru, ammas nagaan qe’ee keenyarra jiraachuu dadhabneerra kan jedhan jiraattonni magaalaa Angar Guutee fi naannoo ishee kunniin, gochi garee milishaa Faannoon naannichatti raawwatamaa jiru kun akka dhaabbatuuf qaama mootummaatti irra deddeebiin iyyatanis fala akka hin argatin himu.

Ajjeechaa tibbana guyyaa guyyaan raawwatamaa jiru hordofuun uummanni magaalaa Angar Guutee hiriira ba’anii qaama mootummaa garas buufatee jirutti iyyatanis, “Garee kana irratti tarkaanfii akka fudhannuuf ajajni qaama oliirraa nuuf dhufe hin jiru” deebiin jedhu kennamuufi ibsan.

Guyyaa kaleessaa ammoo qaamni mootummaa gochicha dhaabsisuuf yaalus Humni milishaa Faannoo garas jiru humnaa ol itti taanaan dhiisanii ofirra deebi’uuf dirqamuus argine jedhan jiraattoti.

Dhimmicha irratti Gaafatamaa Dhimma Nageenyaa magaalaa Angar Guutee Obbo Dasuu Gammachuu dubbisuuf bilbila harkaa isaaniin argachuuf yaallus bilbilli isaanii hin deebisu.

Haleellaa kanaan duraatiin guyyaa tokkotti namoota dhibbootaan lakka’aman awwaaluuf dirqamneerra, Haalli yeroo ammaa naannichaa mul’atu ammoo kan duraarra hamaadha kan jedhan jiraattonni qaamni mootummaa tarkaanfii gahaa sochii humna kanaa qolachuuf dandeessisu akka fudhatu, uummannis sagalee akka isaaniif tahu gaafataniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Viewpoint: Of Physicians’ migration problem in Ethiopia

Viewpoint: Of physicians’ migration problem in Ethiopia – Satenaw: Ethiopian News