[ad_1]
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaatti Dilbata dheengaddaa Gareen Milishaa Faannoo Amaaraatiin Waldaa Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Mul’ata Geelaa jedhamtu irratti haleellaa raawwataniin, Dura bu’aa Waldaa fi Hojjettoota Wangeelaa dabalatee namoota sirna kadhataarra turan 15 jimlaan ajjeesuun beekame.
Ajjeechaa suukanneessaa namoota sirna waaqeffannaarra turan kana irratti raawwatame ilaalchisuun Pirezedaantii Waldaa Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Itoophiyaa Luba Doktar Yoonaas Iggazuuf xalayaa kan barreesse Waldaan Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Naqamtee, nageenya amantoota keenyaaf eegumsatu barbaachisa jedhe.
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaatti Dilbata darbe haleellaa gareen milishaa Faannoo Amaaraa Mana Amantaa irratti raawwataniin Geggeessitoota mana Amantichaa dabalatee namoonni sirna kadhataarra turan 15 ajjeefaman.
Haleellaan kun Waldaa Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Mul’ata Geelaa jedhamuun beekamtu irratti kan raawwatame tahuu odeeffannoon maddeen garaagaraa irraa mirkaneeffanne nimul’isa.
Namoonni haleellaa kanarraa lubbuun hafan akka jedhanitti, Battala haleellaan kun raawwatametti sirna kadhataa guyyaa dilbataarra turan.
Humnoonni gocha kana raawwatan konkolaataa mootummaatiin fe’amanii dhufuu ibsuun, Haleellichi garee milishaa Faannoo Amaaraa qofa osoo hin taane, humni idilee mootummaa kan keessatti qooda fudhate ture jedhu.
Haleellaa Aanaa Saasiggaatti Waldaa Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Mul’ata Geelaa jedhamtu irratti raawwatame kana ilaalchisuun Waldaan Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Naqamtee, Waldaa Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Itoophiyaaf xalayaa barreesseen nageenyi Amantootaa fi qabeenyi Waldaalee amantaa balaa cimaarra bu’uu ibse.
Haleellaan kun hidhattoota Afaan Amaaraa dubbataniin raawwatamuus eereera. Bu’uura xalayaa Pirezedaantii Waldaa Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Itoophiyaa Luba Doktar Yoonaas Iggazuutiif barraa’e kanaatiin, haleella raawwatameen:
1, Dura bu’aa Waldaa Mul’attuu Geelaa kan ta’an – Barsiisaa Kaasahun Xilaahun
2, I/Aanaa Isaanii – Obbo Misgaanuu Areeruu
3, Hojjetaa Wangeelaa Dassaalany Warqinaa
4, Hojjetaa Wangeelaa Geetaachoo Abarraa
5, Obbo Imbulee Biliidaa
6, Obbo Baddiluu Taammiruu
7, Obbo Admaasuu Tasfaayee
8, Obbo Darajjee Bayyanaa
9, Obbo Malkaamuu Gabbisaa
10, Dargaggoo Abraham Kamisoo
11, Dargaggoo Abdii Masfin
12, Dargaggoo Yohaannis Geetaachoo
13, Dargaggoo Hayiluu Eliyaas
14, Dargaggoo Jireenyaa Yemaanee fi
15, Dargaggoo Daawwit Fiqruu namooti jedhaman isaan osoo sirna kadhatarra jiranii jimlaan ajjeefaman tahuu beeksiseera.
Isaan ajjeefaman kanaan alattis hedduun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiraachuu ammoo OMN maddeen biroo irraa odeeffateera. Nageenyi Amantootaa fi qabeenyi dhaabbilee amantaa keenyaa balaarra bu’eera deeggarsaa fi eegumsatu nu barbaachisa jedheera Waldaa Amantoota Wangeelaa Makaana Iyyasuus Naqamtee.
Haleellaa gara dhaabbilee amantaatti cehe kanaan duras achuma Aanaa Saasiggaa dabalatee Aanaalee Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaa keessatti argaman hedduutti garee kanaan haleellaan Ummata nagaa fi qabeenya hawaasaa irratti fuulleffate irra deddeebiin raawwatamuun lubbuu lammiilee kumaan lakkaa’amanii gaaga’uun waan yaadatamu.
Haleellaa kana ilaalchisee bulchaa bulchiinsa aanaa Saasiggaa dubbisuuf yaallus itti hin milkoofne.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings