Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Irreechi Malkaa Odaa Arjootti irreeffatame.
Kabaja ayyaana Irreechaa kanarratti Qeerroo, Qarree, abbootii gadaa, jaarsolii biyyaa, haadholii siiqqeefi gaggeessitootni argamaniiru.
Abbootiin Gadaa kabaja ayyaanichaa irratti argamanis ergaa baga geessanii dabarsuun duudhaan Oromtichaa kan ganamaa jabaatee akka fufu dhaamaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Aanichaa obbo Hayiluu Tolasaa ayyaanicha irratti argamuun ergaa dabarsaniin Irreechi mallattoo araaraa, nageenyaafi tokkummaa tahuu himan.
Aadaa aarsaa abbootiin har’a gahe kan fuula duraafis dhalootaaf dabarsuun akkaan barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Ayyaanichi bifa hawwataa fi naga qabeessa ta’een kabajamee xumuramuutu himame.
GIPHY App Key not set. Please check settings