in

Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Guddinaa Calliyaatti Obbolaan lama waraana mootummaa Biltsiginnaa ajjeefaman. – OMN


Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Guddinaa Calliyaatti Obbolaan lama waraana mootummaa Biltsiginnaa ajjeefaman.

 

Odeeffannoon jiraattota aanichaarraa nuqaqqabe akka mul’isutti, Obbolaan lameen waraanni mootummaa gara jabinaan ajjeese dargaggoo Mootii Dhaabaa fi Lammii Dhaabaa jedhamani.

Mootiin Barsiisaa wayita ta’u, Lammiin ammoo Barataa dhiheenya Yunivarsitii Riftivaalii irraa eebbifamuun boqonnaaf gara maatii isaatiitti deebi’e ta’uu ibsan maddeen Odeeffannoo keenya.

Waraanni mootummaa badii tokko malee halkan mana maatii isaaniitti itti marsee buluun, kaleessa gara barii bakka isaan ciisanitti ol itti seenee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu OMN’f himaniiru.

Obbolaa lameen irratti ajjeechaa suukanneessaa kana erga raawwataniin boodas Haadhaa fi Abbaa isaanii qabanii akka hidhan, hanga oduun kun qindaa’ettis hidhaa akka jiran odeeffanneerra.

 

Dargaggoonni kun sababuma Oromummaa isaanii ajjeefaman malee yakki raawwatan tokkollee hin turre kan jedhan jiraattonni naannoo, murni aangoorra jiru ilmaan Oromoo diinomfachuun duguuggaan guyyaa guyyaan raawwatu dhaabbachuu qaba jedhu.

Yakkoonni waraanaa hidhattoota mootummaan bobbaasuun dhalattoota Oromoo irratti raawwataman yeroodhaa gara yerootti hammaataa dhufuun, ajjeechaa, hidhaa fi dararaan darbees qe’ee fi qabeenya hawaasaa saamuu fi barbadeessuun taatee guyyuu golee Oromiyaa maraa dhagahamu ta’eera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Civil Societies Council says scaling up role to play in planned National Dialogue | Satenaw: Ethiopian News

News: Bonga University expels 54 students for “unclear reasons”; OLF condemned decision, requests reinstatement of students