in

Godina Shawaa Lixaatti dararamni waraana mootummaatiin ummata nagaa mudataa jiru suukkaneessaa dha jedhame. – OMN


Godina Shawaa Lixaatti dararamni waraana mootummaatiin ummata nagaa mudataa jiru suukkaneessaa dha jedhame.

 

Godina Shawaa Lixaa aanaalee  garaagaraa keessatti dararamni waraana mootummaatiin ummata nagaa mudataa jiru yeroodhaa gara yerootti hammaataa jiraachuun himame.

Aanaalee Ilfataa fi Ambootti waraanni mootummaa ummata irratti dhukaasee qe’eerraa buqqisuun, konkolaattota hiriirsee qabeenya hawaasaa fe’ataa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.

Ajjeechaan lammiilee nagaa, saamichii fi qe’ee ummataa gubuun gochoota guyyaa guyyaan waraana mootummaatiin ummata godinichaa irratti raawwatamaa jiran ta’uu kan himan madden odeeffannoo OMN, ummata dararuun falli argamu hin jiru jedhan.

Hawaasni aanaalee godina Shawaa Lixaa, waraana mootummaan “Riphee Lolaan balleessa” jechuun garasitti bobbaasuun dararama ulfaataa jala jira. 

Haleellaa Diroonii hanga ummata nagaa jumlaan rashanuutti, Qe’ee ummataatti ibidda qabsiisuu hanga ummata irraa buqqisanii qabeenyasaa fe’achuutti, egeree ummatichaa balleessuu bifa fakkaatuun gochi guyyaa guyyaan uummata godinichaa irratti raawwatamaa jiru hammaatee itti fufeera.

 

Godinichatti iddoowwan rakkoo jabaaf saaxilamanii jiran keessaa aanaan Ilfataa tokko. 

Aanichatti waraanni Biltsiginnaan bobbaasu ummata qe’eesaa irraa buqqaasee, konkolaataa hiriirsee qabeenya ummataa fe’ataa jiraachuu dubbatu maddi odeeffannoo keenya haala naannichaa itti dhiheenyaan hordofan.

Aanaa Amboottis haaluma wal fakkaatutu mul’ata jedhan.  

Qabeenyi manneen amantaallee osoo hin hafin saamicha kanaaf saaxilamaa jiraachuus dubbatu. 

Duraan Waraanni Bilisummaa Oromoo naannicha keessa socho’aa tureera kan jedhan maddi odeeffannoo OMN kun, kan itti dhukaafamu, kan ajjeefamu, Qabeenyisaa saamamuu fi gubamu garuu ummata nagaadha, waraanni mootummaa qaama lolatti jiruun osoo hin taane ummatumaan isin WBOdha jechuun fixaa jira jedhu.

Ummata dararuu fi fixuun falli argamu hin jiru, humnaanan ummata jilgeenfachiisaan herrega dogoggoraati jedhu maddi odeeffannoo OMN kun.

Humni mootummaa Duula Riphee Lolaa balleessuu jedhuuf Aanaalee Oromiyaa garaagaraa keessa bobbaafame, tarkaanfiin fudhatus ta’e dararaan raawwatu hawaasa nagaan qe’eesaa jiraatu irratti kan fuulleffate ta’uu, jiraattonni irra deddeebiin OMN’f ibsaa jiru. 

Humnoonni kun WBO jechuun kan isaan diinummaan farrajanii fi gocha diinummaa irratti raawwatanis hawaasuma malee qaama qabsoo hidhannoo keessa jiru irratti miti jedhu. 

Gochi hawaasa nagaa diinummaan farrajanii tarkaanfii badiisaa irratti raawwachuu kun hojii ijoo duula waraanaa Oromiyaa irratti labsamee ta’ee hojiirra oolaa jira. 

Galmi isaa ammoo Karoora “Qurxummii Balleessuuf Galaana Gogsuu” jedhu, kan Dabballoonni OPDO fi Biltsiginnaa ifatti lallabaa turanidha. 

Yaadamni murni aangoorra jiru ittiin socho’aa jiru kun karoora duguuggaa sanyii akka ummataatti Oromoo irratti labsamedha gochicha waloon dura dhaabbachuutu barbaachisa jedhu Jaarmiyaaleen dhimmicha irratti ejjennoo isaanii ibsaa jiran.  

 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ambassador Taye Confers with UN Special Envoy for the Horn of Africa

Ministry calls on exporters to register