in

Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii ganda Dirree Qabbanaatti humnoonni mootummaa Qeerroo Jaalataa Baqqalaa jedhamu haala sukkaneessaan ajjeesuu maddeen OMN himan.

[ad_1]

Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii ganda Dirree Qabbanaatti humnoonni mootummaa   Qeerroo Jaalataa Baqqalaa jedhamu haala sukkaneessaan ajjeesuu maddeen OMN himan.

 

Hidhattoonni mootummaa gandoota Oromiyaa hedduu keessatti namoota nagaa akkuma ajjeesuu itti fufanii jiru. 

Manguddoo, haawwan, dargaggoota ol adeemoo Oromoo naasuu tokko malee kutaa heddutti guyyaa guyyaan lubbuu baasaa oolu ragaaleen mul’isu.   

Hidhattoonni mootummaan bobbaase kunneen aanaa Cobii ganda Dirree Qabbanaatti qeerroo Jaalataa Baqqalaa jedhamu daandii gubbaatti baasuun rasaasa sadiin ajjeesuu maddeen keenya ganda Dirree Qabbanaa himanii jiru.

Akka maddi keenya kun jedhutti qeerroo Jaalataa Baqqalaa Onkoloolessa 1, 2022 magaala Jalduutii maatii isaaf ergaa deemee osoo galaa jiru karaa irratti qabanii akka  hamaa reebanii dararaa suukaneessaa edda irraan gahanii ajjeesanii daandii irratti gatanii jedhan.

Qeerroo Jaalataa Baqqalaa Nama naamusa qabuu fi badii tokkoonuu maqaan isaa hin kaane jedha maddi keenya. 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Kenyan President William Ruto Visits Science Museum –

Duulli ilmaan Oromoo dirqiin gara adda waraanaatti geessuu fi saamichi maallaqaa maqaa raayyaa ittisa biyyaatiin mootummaadhaan gaggeeffamaa jiru kutaalee Oromiyaa garaagaraatti itti fufee jiraachuun dhagayame.