[ad_1]
Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessaatti kan argamu buufatni fayyaa bara 1990moota gara dhumaarra hirmaannaa hawaasaan ijaaramee tajaajilaa ture humna waraana bilxiginnaatiin manca’uun himame.
Buufatni fayyaa sadarkaa isaa eeggate kun hawaasa gandoota Kaarraa, Ganjii Gooroo Horee, Haaruu Xiroo fi kan biroof tajaajila kennaa ture.
Waraana Shawaa Lixaa keessatti deemaa jiru hordofee Caamsaa dabrerraa kaasee qubsuma waraanaa kan godhate waraanni mootummaa qabeenya buufata fayyaa kana keessa ture mara mancaasuun faayidaan ala godheera jedhan jiraattonni achirraa OMN’f odeessa kana kennan.
Buufata fayyaa kana keessatti qorichi akkasumas meeshaaleen waldhaansaa kan akka maaykirooskoppii, meeshaalee dahumsaa, qabbaneessituun osoo hin hafin manca’aniiru.
Sireen waldhaanamtootaa, uuffanni fi golgaan siree bakka ciisichaa fi meeshaaleen biroon ta’e jedhee waraana mootummaan mancaafamuu jiraattonni himan.
Oduudhuma kanaan wal qabatuun Adoolessa 22, 2022 ganda Galaan Waddeessaa kanatti daa’imman maatii sadii Shaamballii Shuumii, Waaqumaa Hirphasaa fi Araarsaa Addunnaa kan jedhaman qabuun lafa qubsuma ilaalloo isaanii kan taate Tulluu Bagaallooti geessuun erga fixanii booda maatii isaanii reeffa dhoowwatanii kadhaa hedduun booda guyyaa tokko turanii reenfa kennanis maatiin boo’ee awwaallachuu akka dhorkame yaadachiisaniiru.
Humnoonni mootummaa ilmaan keenya nagaa manaa qabanii nu jalaa fixaa jiru, isarratti reeffa nu dhoowwatu, gadda akka hin teenyes dhorkamnee gochaa suukkaneessaatu nurratti raawwatamaa jira jedhu jiraattonni.
Hammeenya akka kanaa amma dura arganii akka hin beekne kan dubbatan jiraattonni, ofii qabsoofnee gara aangootti fidnee akka kana ta’uun nuuf hin mallee jedhu.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings