in

Godina Shawaa Kibba Lixaatti qabata sakattaa WBO jedhuun manneen jiraattotaa gubamuufi qonnaan bultootni hidhamuun hammaatee itti fufeera jedhu maddeen OMN.


Godina Shawaa Kibba Lixaatti qabata sakattaa WBO jedhuun manneen jiraattotaa gubamuufi qonnaan bultootni hidhamuun hammaatee itti fufeera jedhu maddeen OMN.

 

Humnoonni mootummaa battala qe’ee qonnaan bultootaa gubanitti hawaasni birmannaa taasisee abidda akka hin dhaamsineef nama birmate halaalatti irraa dhorgaa akka turanis maddeen keenya himaniiru.

Aanaa Walisoo ganda Xombee Ancabbiitti qe’ee qonnaan bulaa adda duree Obbo Hacaaluu Galaanaa erga gubanii booda, Obbo Hacaaluus Walisootti geessuun hidhanii jiru jedhu maddeen odeeffannoo OMN

Fulbaana 23, 2015 jechuunis Wiixata darbe poolisiin humna addaa Oromiyaa ganda baadiyyaa kanatti, qe’ee Obbo Hacaaluu Galaanaa qabeenya isaanii waliin barbadeessuu himan.

Humnoonni mootummaa battala qe’ee sana gubanitti hawaasni birmannaa taasisee abidda akka hin dhaamsineef nama birmate halaalatti irraa dhorgaa akka turanis himan.

Erga manni gubatee dhumee booda, namni ganna 60 Obbo Hacaaluu Galaanaan harki isaanii fuuncaan hidhamee gara Walisootti geeffamuun hidhamanii jiraachuus ibsan.

Humnoonni mootummaa taatee kana sababni raawwataniif maali jennee yoo gaafannu, “Waraana Biliisummaa Oromoo deggera, mootummaa morma” deebii jedhu kennuus himaniiru.

Obbo Hacaaluun yeroo ammaa kana qajeelcha poolisii Aanaa Walisootti hidhamanii jiraatanis, mana murtiitti hin dhiyaanne.

Sababa gubachuu qe’ee isaaniitiin, miseensonni maatii Obbo Hacaaluu bittinnaa’uun rakkoo keessatti kufanii jiraachuus maddeen odeeffannoo keenya himaniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Marii garlamee qofaan Itoophiyaatti nageenya waaraa buusuun hin danda’amu jedhan xinxaaltonni siyaasaa. – OMN

News: National Bank to press charges against 391 bank account holders suspected of illegal money transfer