in

Godina Shawaa Kibba Lixa aanaa Walisoo ganda Dasee Jaboo bakka addaa Jaboo jedhamuu fi ganda Abbaadhoo Jawweetti manneen qonnaan bultootaa digdamaa ol ta’anii humnoota mootummaan bobbaaseen gubamuun himame.

[ad_1]

Godina Shawaa Kibba Lixa aanaa Walisoo ganda Dasee Jaboo bakka addaa Jaboo jedhamuu fi ganda Abbaadhoo Jawweetti manneen qonnaan bultootaa digdamaa ol ta’anii humnoota mootummaan bobbaaseen gubamuun himame.

 

Qabata Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabduutiin aanaalee godinichaa heddu keessatti lubbuun namoota nagaa darbuu, qabeenyi hawaasa gubamaa fi saamamaa jiraachuu maddeen himaniiru.

Aanaa Walisoo ganda Jaboo Dasee keessatti, Abbootii warraa manni jalaa gubate keessaa tokko kan ta’an obbo Waldee Urgaa miira gaddaa ulfaataa keessa taa’uun OMN-f yaada kennan.

Qe’ee guutuufi gombisaan midhaanii akka jirutti na jalaa gubate kan jedhan Obbo Waldee Urgaa, ijoolleen isaanii huccuu jijjiirratan dhabanii rooba keessa muka jalatti qorraan waadamaa akka bulan himu.

Taateen kun akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti Hagayya 4 bara 2014 jechuunis guyyaa kaleessaa isaanirratti raawwatamuu dubbatu.

Hawaasni birmatee mana abiddi itti qabate kana akka hin dhaamsineefis humnoonni mootummaa kun bakkicha dhaabbatanii hanga manni gubatee qixeeffatutti nama irraa ittisa turan kan jedhan maddeen kan biroo gandicharraa dubbisne, yakki hamaa kun jiraattota nagaa irratti kan xiyyeeffatedha jedhu.

Achuma aanaa Walisoo ganda Abbaadhoo Jawwee jedhamu keessattis manni jiraattotaa baay’inaan 20tti dhihaatu irbaata abidda humnoota mootummaa ta’eera jedhu maddeen OMN.

Abbootii warraa, daa’immanii fi hawwan sababa gubachuu mana jireenyaatiin dirree irratti kufanii jiran qunnamuun yaada isaanii akka fudhannetti, tarkaanfiin gara jabinaa kan safuu fi aadaa Oromootiin ala ta’ee fi suukkanneessaan irratti raawwatamuu himatu.

Waqtii gannaa yeroo lolaa fi qilleensi qorraa mana keessattuu nama miidhutti, mootummaan sababa quubsaa hin taaneen, namoota maalummaa siyaasaa hin beekne irratti maqaa “WBO deggertan” jedhuun mana gubuun diinummaa hammaataadha jechuun komatan.

Qaama itti himannus ta’e iyyannu hin qabnu kan jedhan jiraattonni ganda Abbaadhoo Jawwee sodaa nageenyaa keessa jiraachuu himanii, daa’immaniii fi hawwan muka jalatti qorraan waadamaa jiraniif, hawaasni aanaa Walisoo akkasuma uummatni Oromoo bal’aa nuuf haa birmatuu jechuun dhaammataniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News update: Gurage Zone Council declines new cluster restructuring, stick to earlier request

#ASDailyScoop: Southwest State Council approves multi-capital city bill | Satenaw: Ethiopian News