in

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsootti mootummaan namoota nagaa 20 caalaa rashanuun dhagahame. – OMN

[ad_1]

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsootti mootummaan namoota nagaa 20 caalaa rashanuun dhagahame.

 

Maddeen keenya naannichaa aka himanitti, Gandoota Goljee fi Laantuu Walargiitti mootummaan namoota nagaa fixe.

Jiraattonni akka jedhanitti namoota ajjeefaman keessatti maanguddoonni fi namoonni dhukkuba sammuu qaban ni argamu.

Namoonni rashanaman Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhamuun akka ta’e jiraattonni himaniiti jiru.

Ammallee tokkoon tokkoon mana namaatti waraanni mootummaa raamadamee uummanni rakkoo hammaataa keessa jira jedhaniiti jiru.

Oduu gama biraatiin hiriira balaaleffannaa Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun mootummaan uummata dirqiin hiriira baasuu itti fufuu odeeffannee jirra.

Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaatti dabballoonnii fi humnootiin nageenyaa mootummaa boru hiriira bahaa jedhanii mana mana irra deemuun uummata dirqisiisaa jiru jedhu jiraattonni.

Jiraattonni har’a OMNtti akka himanitti, dabballoonni mootummaa fi qaamoleen nageenyaa mootummaa yoo hiriira bahuu dhiiftan xaa’oo fi sanyii filatamaan isiniif hin kennamu jechuun uummata sodaachisaa turan.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Religious, Ethnic Conflicts Mask for Political Agenda: Sidama and Oromo Elders

Ethiopia earned $ 36 million from the export of Injera