Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dharraa keessatti weerarri hidhattoota faannootiin hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiru akkaan hammaachuu jiraattonni OMN-tti himan.
Tibbana haleellaafi weerarri hidhattoota faannoo gandoota baadiyyaa aanaa Dharraa keessatti haala kana duraarra hammaataa ta’een mul’achaa jira jedhan maddeen.
Jiraataan ganda baadiyyaa aanaa Dharraa OMN’f yaada kenne tokko akka jedhutti, daandiin guddichi aanicharraa kallattiin gara Finfinneefi gara naannoo Amaaraatti geessu citee jira.
Godina Shawaa Kaabaa Salaale aanaa Dharraatti, hidhattoonni faannoofi poolisiin mootummaa naannoo Amaaraa daangaa ce’uun seenanii ajjechaa, saamichaafi yakkoota adda addaa hawaasa Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu irra deddeebiin himamaa ture.
Rakkoofi dararri hidhattoota faannoo daangaa ce’anii badii qaqqabsiisaniin hawaasarra ga’u eegaluunsaa waggoota sadii caaluuf adeema.
Qabiyyee lafoota Oromiyaa keessaa bakkeewwan daangaa irra jiran kanneen haleellaafi weerara seeraan alaa hidhattoota naannoo Amaaraatiin qabamaa jiran keessaa tokko kan taate Shawaan Kaabaa Salaale tibbanas rakkoo ulfaata keessa juraachuu odeeffanne.
Aanaaleen akka Qimbibiitiifi Dharraa tarsiimoon itti baafamee weeraramaa jiraachuu maddeen OMN-tti himanii, bakkeewwan kanneen irraa qonnaan bulaa Oromoo buqqaasanii, namoota biroo qubsiisaa jiraachuullee ragaaleen ni agarsiisu.
Gama mootummaa naannoo Oromiyaatiin rakkoo kana furuuf wanti taasifame akka hin jirre kan himan jiraattonni, inumaawuu mootummaan qabata deggertoota Waraana Biliisummaa Oromoo qulqulleessuu jedhuun hidhattoota naannoo Amaaraa kana deggeruun gara naannoo Oromiyaatti seensisaa jira jedhu.
Jiraataan aanaa Dharraa haala naannichaa ilaalchisuun OMN’f yaada kenne akka jedhutti, hidhattoonni faannoo kun, yeroo rakkoo ulfaataa jiraattota irratti raawwatan poolisiin mootummaa naannoo Oromiyaa lammiileesaa oolchuuf yaalii taasise homaatu hin qabu.
Tibbanas Aanaa Dharraa keessatti weerarriifi halleellaan ulfaataa irra deddeebiin gandoota baadiyyaa aanichaatti raawwatamaa jira jedhu.
Daandiin cufamuun sochiin geejjibaa adda citeera. Hawaasni kumaan lakka’man qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’niiru jedhu jiraattonni.
Poolisiin humna addaa naannoo Amaaraafi hidhattoonni faannoo wal ta’uun, karaa daangaa naannichaatiin seenanii, lafa weeraruufi qonnaan bultoota Oromoo buqqaasuu irratti xiyyeeffataniiru jedhu.
Gandi baadiyyaa aanaa Dharraa Sararkuullaafi Qundoo Barbaree jedhaman haala guutummaa guutuu jechuun danda’muun humnoota kanaan qabamaniiru jedhu maddi keenya.
Konkolaataa dhaabsisuun imaltoota sakatta’uu, imaltoota keessaa kanneen Oromoo ta’an buusuun ajjeesuufi saamuun tarsiimoo lolichaa keessaa tokko jedha maddi keenya.
Hawaasni aanichaa yaaddoo ulfaataa keessa jiraachuu kan himan jiraattonni, sababa Oromummaa keenyaa qofaaf ajjeefamaafi saamamaa jirra jedhu.
Dhimma kana ilaalchisuun bulchaa bulchiinsa aanaa Dharraa Obbo Shiibashii Ayyaalew argachuuf yaaliin nuti taasifne hin milkoofne.
GIPHY App Key not set. Please check settings