in

Godina Shawaa Bahaa aanaalee Boosat fi Fantaalletti maqaa oppireeshinii farra riphee lolaatiin waraanni mootummaa lubbuu namoota nagaa 6 galaafachuun dhaga’ame.


Godina Shawaa Bahaa aanaalee Boosat fi Fantaalletti maqaa oppireeshinii farra riphee lolaatiin waraanni mootummaa lubbuu namoota nagaa 6 galaafachuun dhaga’ame.

 

Goolinsa waraana mootummaatin jiraattonni danuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uus OMN odeeffateera.

Aanaalee Boosat fi Fantaalletti maqaa sakattaa WBOtiin  waraanni mootummaan bobbaase lubbuu namoota nagaa hedduu galaafachun himame.

Aanaa Fantaallerraa namoonni 5, akkasuma aanaa Boosat irraa namni 1 lubbuun darbuu jiraattonni himaniiru.

Guyyaa dheengaddaa sadaasa 15, 2022 dhalattoonni aanaa Fantaallee lakkofsan 3 ta’an Aanaa Boosat ganda Cirrattii jedhamu keessatti waraana mootummaatin ajjeefaman jedhu jiraattonni.

Namoonni ganda Cirrattitti ajjeefaman Waqoo Boruu Waaqoo, Fantaallee Bayyaanaa  Matoo fi Badhaasoo Jiloo Badhaasoo kanneen jedhaman yoo ta’u dhalataan Aanaa Boosat Roobaa Nagayoo jedhamu ajjeefamuus odeeffanneerra.

Namoonni lama kan maqaan isaanii hin baramin Aanaa Fantaallee ganda ilaalaatti ajjeefamuutu himame.

Waraanni mootummaa maqaa sakattaa WBOtiin aanaalee lamaan maadheffate goolinsa cimaa raawwachaa jiraachuutu himame.

Namoonni ajjeefaman kunneen namoota nagayaa WBO wajjiin hidhata hin qabnee fi horsiisaan bultoota loowwan isaanii tikfachaa turan akka ta’anis jiraattonni himaniiru.

Torban lamaan darbe keessa waraanni mootummaa dabballoota Aanota lamaanii wajjiin ta’uun hawaasa walitti qabanii ijoollee keessan bosonatti galte qe’eetti deebisaa jechuun hawaasa mariisisaa akka turanis odeeffanneerra.

Erga Abbootiin Gadaa Karrayyuu tuuta gadaa Michillee humnoota mootummaatiin duguugamanii kaasee qe’een hawaasa Karrayyuu nagaa argatee hin beeku kan jedhan jiraattonni mootummaan WBO osoo hin taane hawaasa nagayaa irratti xiyyeeffachuun lubbuu namoota nagayaa galaafachaa jira jedhan.

Ji’oota lamaan darban kana qofa keessa gandoota aanaan Fantaallee qabdu 18 keessaa yoo xiqqaate gandoota 14 keessaa jiraattonni buqqa’aa akka turanii fi manneen jireenyaa danuun waraana mootummaatiin gubachuu himu.

Waraanni mootummaa maqaa WBOtu keessa jiraata jedhuun gaara Fantaalleetti ibidda qabsiisee gubaa akka tures himu.

Goolinsi kun hundi akka raawwatuuf gabaasni dabballoonni aanichaa waggaa tokkoo oliif gara godinaatti galchaa turan dhugarraa kan fagaate fi hawaasa aanichaa kiyyoo siyaasa hamaa keessa akka galche qamooleen mootummaa odeeffannoo OMNiif ergan ni himu.

Aanaa Fantaallee fi Boosatitti nageenyi waaraan akka bu’uuf waraanni mootummaa aanicha gadhiisee bahuu qaba kan jedhan hojjettoonni mootummaa tajaajilli netwoorkii, geejjibaa, interneetaa fi Baankii deebi’uu akka qabu dubbatu.

Ollaa aanaa Fantaallee kan taate aanaan Boosat humnoota mootummaatiin goolamuu erga jalqabdee waggoonni lakkaa’amaa jiraachuus jiraattonni ni himu.

Waraanni mootummaa WBOtu isin keessa jira jechuun ganamaa galgala jiraattota nagayaa ajjeesaa oola jedhu.

Aanaa Boosat ganda Borcataa, Cirrattii, Rukeecha Boqoree, Garrii, Dongorree Furdaa, Dhaddacha Hadheechaa fi kanneen birootti milishoota Fannoo fi waraana mootummaatin lubbuun namaa darbuu erga jalqabe bubbuleeras jedhan.

Manneen jiraattota ibiddaan gubatanii fi qabeenya saamame tilmaamun nama rakkisas jedhaniiru.

Aanaa Fantaallee gandoota Ilaalaa, Dheebitii, Haroo Qarsaa fi Xuxxuutii keessaa torban kanas jiraattonni baqachaa jiraachuu jiraattonni himaniiru.

Komii hawaasaa ilaalchisee bulchaa Aana Fantaallee obbo Abduljabbaar Miidhagsoo fi kan aanaa Boosat dubbisuuf yaalin bilbilaa taasifne nuuf hin milkoofne.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Ukraine Ministry says ship with 27,000 tonnes of wheat leaves for Ethiopia

Ethio-Kenya Power Line Starts Electricity Sales –