[ad_1]
Godina Shawa Lixaa Aanaa Ejereetti namoota Dubartii ciniinsuu irra jirtu baatanii gara dhaabbata fayyaa geessaa turan irratti dhukaasa banameen, lubbuun nama tokkoo darbuu jiraattonni himan.
Dhukaasa humnootni mootummaa namoota deessuu gara hospitaala geessaa jiran irratti banan kanaan obboleessa dubartii deessuu kan ta’e dargaaggoo Birhanuu Tumsaa haala suukkanneessaatiin ajjeefamuusaa maddeen himaniiru.
Obboleessi nama ajjeefamee kan OMN dubbise, obboleettiin isaanii ciniinsifachuu akkuma bilbilaan dhaga’aniin, daangaa aanaa Jalduufi Ejeree kan taate ganda baadiyyaarraa ka’uun lafa barii gara Ejereetti miilaan imaluu akka eegalan hima.
Qarqara magaalaa Jalduurratti namoota Obboleettii isaanii ciniinsuurra jirtu baatanii dhaabbata fayyaatti geessaa jiran qaqqabachuu kan ibsu namni lubbuun hafe tokko, akkuma magaalittii geenyeen humnootni mootummaa dargaggoota Jalduurraa dhufan jechuun nu marsanii jedha.
Battaluma kana dhukaasni nurratti banamuusaa malee sababa dhukaasichaa homaa quba hin qabnu turre kan jedhu maddi keenya kun, namootni gariin fiigichaan dhukaasicha dheessuufi gariin ammoo to’atamuu isaanii yaadachiisuun, obboleessi isaa hangafti Biraanuu Tumsaa garuu rasaasaan waan rukutameef lubbuun hafuu akka hin dandeenye hima.
Erga rasaasaan rukutamee to’atamee booda harkisaa fuuncaan hidhamee magaalaa keessa naanneffamuusaafi xumurarras gara bosonaatti geeffamuun rasaasni itti roobee, haala baayyee suukkanneessaan ajjeefamuusaa hima maddi OMN kun.
Qabata namni Jalduurraa dhufu hundi miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun yakki kun isaanirratti raawwatamuu kan himu namni OMN garasirraa dubbise kun, obboleessikoo ajjeefame garuu hirmaannaa siyaasaa kamiyyuu nama hin qabneefi barataa turee jedha.
Reeffa obboleessasaa argatee awwaallachuufillee carraa akka dhabe kan himu namni kun, yeroo ammaa kana maatiin gadda ta’aa jiraachuu ibsee, obboleettiin isaanii ciniinsuurra turte rakkoo ulfaataaf saaxilamuunshees akka isaan yaaddesse ibsee jira.
Ajjeefamuu obboleessa isaatti gaddi guddaan itti dhaga’amu kan ibsu maddi OMN, humnoonni mootummaa mirga nama nagaatti dhukaasanii ajjeesuu qabaatanii, guyyaa saafaatiin akka bineensaatti dhala namaa adamsuun akka abdii isa kutachiise hima.
Aanaalee Godina Shawa Lixaa hedduu keessatti, keessumaa Aanaalee Jalduu, Ejeree, Gindabaratiifi Aanaalee biroo keessatti namoota nagaa ajjeesuufi hidhuun akkaan hammaachuu OMN gabaasaa turuun ni yaadatama.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings