[ad_1]
Godina Shawa Kaabaa Aanaa Dharraa magaalaa Saalayishee keessatti, hidhattoonni faannoo haleellaa raawwataniin lubbuu haadhaafi ilmaa dabarsuu maddeen himan.
Haleellaa Waxabajjii 4, 2023 dheengadda raawwatameen lubbuun namaa darbuun cinatti, namoonni shan magaalittii keessaa butamanii hidhattoota faannoon fudhatamuu namoonni ijaan argan OMN-tti himaniiru.
Qaamoleen nageenyaa erga taateen kun raawwatee booda bakkicha qaqqabanis, inumaa yakka dabalataa hawaasa irratti hojjechuun ala, furmaata fidan hin qaban jedha hawaasni.
Waxabajjii 4, 2023 jechuunis dheengadda taateen gaddisiisaa tokko Aanaa Dharraa magaalaa Saalayishee keessatti raawwatamuu dubbatu jiraattonni gandichaa.
Ganama keessa hidhattoonni faannoo magaalittii weeraran jechuun kan ibsu namni gaafas achi ture, akkuma seenaniin dhukaasaa gurguddaa bananii jedha.
Haleellaa guyyicha raawwateenis lubbuun haadhaafi ilmaa darbuu akkasumas maanguddoon tokko rasaasaan rukutamuun miidhaa cimaaf saaxilamanii yeroo ammaa buufata fayyaa Adareetti yaalamaa jiraachuu maddi OMN garasirraa dubbise kun himee jira.
Kana malees jedha maddi keenya, manneen hawaasaa gubachuu, qabeenyi saamamuufi midhaan callaa konkolaataatiin fe’amee fudhatamuullee OMN-tti himee jira.
Aanaa Dharraa gandoota Sararkullaa Qundoobarbareefi Ceekaa fi magaalaa Saalayishee, Gundoo Masqalee keessatti qaamolee faannoo jedhanii of waaman kanaan irra deddeebiitiin yakkoonni wal fakkaatoo raawwatamaa jiru.
Aanichatti ajjechaa, saamichiifi namoota butuun hojiilee guyyuu hidhattoonni faannoo ilmaan Oromoo irratti raawwatan erga ta’ee bubbuleera.
Bulchiinsi aanichaafi godinaa dhimma kana akka tasgabbeessaniif hawaasarraa waamichi taasifamuufis, isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun yakka hidhattoonni hawaasa irratti raawwataniin cinatti, warri mootummaas hidhaa jumlaa raawwachuun hamilee keenya cabsaa jiru jedhan jiraattonni.
Tibbanas ajjechaa magaalaa Saalayishee keessatti raawwatame booda, qaamoleen nageenya mootummaa gandicha seenuun, abbaa warraa haadha ajjeefamteefi abbaa ilma ajjeefamee kan ta’aan Obbo Mulaatuu dabalatee namoota biroo hedduu ukkaamsuun gara Arbuu Masqaleetti geessanii hidhuu maddeen himaniiru.
Jiraattonni aanaa Dharraa OMN’f yaada kennan akka jedhanitti, gandoota hedduu keessaa namoonni buqqaafamuun gara Fiicheetti baqachuun karaarra buufachaa jiru.
Daandiin aanicha qaxxaamuree gara Naannoo Amaaraa geessuufi gara Fiicheetti fidus humnoota kanaan erga cufamee bubbuleera jedhu maddeen.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings