Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfillootti waraanni mootummaa Daa’imman Haadhaa fi Abbaa malee hambisaa jiraachuun dhagahame.
Lola naannichatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin geggeeffamaa jiru hordofee, ummanni Waraana Bilisummaa Oromoo tumsitaniittu jedhamuun, yakkoonni garaagaraa irratti raawwatamaa jiraachuu kan himan maddeen odeeffannoo OMN, ajjeechaan suukanneessaa guyyaa guyyaan raawwatamu gaaga’ama guddaa hordofsiisaa jiraachuu himan.
Aanaa Anfilloo iddoo Yaarer jedhamtutti yakka waraanni mootummaa ummata nagaa irratti raawwatu kanaan daa’imman 4 haadhaa fi abbaa malee hafaniiru.
Waggaa lamaan dura abbaa isaanii hojii humnaa hojjetanii isaan guddisan Obbo Bokkee Kumaa ajjeechaa waraana mootummaan raawwatamu kanaan kan dhaban daa’imman kun, ji’a lamaan dura ammoo Haati isaanii waggoota lamaan darbaniif abbaa malee isaan guddisuuf dhama’aa turte aadde Birqee Tolasaa, manashee keessatti rasaasa itti dhukaafameen ajjeefamtee, ijoolleenshee maatii malee hafuu jiraattonni OMNtti himaniiru.
Daa’imman afuran Obbo Bokkee Kumaa fi Aadde Birqee Tolasaa horatan kanneen keessaa inni hangafaa Mucaa waggaa 11 ta’uu ibsuun, hojjetanii of jiraachisuufillee kan hin dandeenye ta’uu himan.
Ajjeechaan wal fakkaatu naannichatti itti fufiinsaan raawwatamaa jiraachuu himuun, gaaga’amni sababa waraanaan naannoo isaaniitti mudataa jiru akkaan hammaataa ta’uu ibsaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings