Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yereer jedhamutti daa’imman waraanni mootummaa abbaafi haadha isaanii ajjeeseef gargaasi akka taasifamu sochiin eegalamuu koreen gargaarsaa beeksise.
Maatiin Obbo Bookee Kumaa Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo ganda Yerer keessa jiraachaa turan.
Obbo Bookee Kumaa qonnaan bulaa jireenya giddu galeessaatiin jiraatu kan ture yoo ta’u, haadha warraasaa Aadde Birqee Tolasaa waliin bultii erga ijaarratee, daa’imman afur waliin horataniiru.
Jireenyasaa jijjiiruun egeree daa’immansaa milkeessuuf kufee kan ka’u Obbo Bookeen, guyyaan farraa tokko garuu maatiisaa jaallaturraa daandii gubbaatti isa gatte.
Poolisiin humna addaa Oromiyaa maqaa nageenyaatiin aanichatti bobbaafame, afaan qawwee isaanii nama nagaatti hamuummatu sanaaf irbaata isa taasisani.
Obbo Bookee Kumaa aduu Dilbataarra mana amantaatii ba’anii gara mana ofiitti galaa osoo jiranii, rasaasa Poolisii humna addaatiin ajjeefamanii daandiirratti gatamani.
Kun kan ta’e akka lakkoofsa Itoophiyaatti xumura bara 2013tti ture.
Haati daa’imman afurii Adde Birqeen ilmaan dhiiraa afur qofaa ofii guddisuuf yeroo dirqamtetti gadda uffattee abbaa warraa ishee awwaallachuun, qe’eefi ooyiruutti darbuun jireenya itti fufte.
Gumaa abbaa warraashee hin gaafanne. Dhugaasaa waaqni haa baasuu jechuun, jireenya godeettii ijoolleeshee waliin itti fufte.
‘Bara barri hammaatee, bishaantu muka namatti yaabaa’ akkuma jedhan, Aadde Birqeen haloo dhiistee egeree daa’imman ishee tolchuuf cininnattus, gara jabeenyi humnoota mootummaa garuu ishee biraa hafuu dide.
Abbaan warraashee ajjeefamee waggaa osoo hin guutin bara 2014 keessa qawween abbaa ijoolleeshee nyaate, isheettis abidda tufe.
Dilbata ganamaan mooraa mana ishee keessa osoo jirtuu Poolisiin humna addaa naannoo sana dhaquun, haadha ko’eetti qofaa ofii daa’imman abbaa hin qabne guddistu kanatti dhukaasuun, ishees rasaasaan ajjeesan.
Egereen daa’imman xixiqqoo kanaa maal ta’inna? Karaatti hafuu isaaniiti sodaan jedhus hawaasaaf yaaddoo ta’e.
Daa’imman xixiqqoo kanneen ofitti fudhachun hawaasni guddisuu murteesse. Ta’us daa’imman xixiqqoo jaalala maatii hin quufne kana walirraa adda baasuun sirrii akka hin taanes waliif galan.
Fira dhihoo bira akka jiraataniif hawaasni waliif galus, firri dhihoo isaan bira jiraatan harka qalleessa ta’uun dhimmicha caalmaatti hammeessuun, barnoota bara kanarraa akka hafan taasisaa jiraachuullee, namni dhimma daa’imman kanneen itti dhiheenyaan hordofaa jiru OMN-tti hime.
Sababa kanaaf daa’imman kanaaf birmannaan taasifamuun, barnootasaanii sirnaan akka baratan, waliin jiraatanii akka guddatan, hanga umuriin isaanii hirkattummaa maatii jalaa isaan baasutti akka deggeramaniif, gargaarsa walitti qabuu murteessinee jedha.
Yeroo ammaa kanatti koreen gargaarsa walitti qabu hundaa’uun, lakkoofsa herrega baankii bananii maallaqa kadhachuun walitti qabaa jiraachuu kan himan maddeen, rakkoon akka kanaa Oromiyaa bakka hedduu jiraatus, namuu waan danda’u taasisuun daa’imman kana akka gargaaruuf karaa agarsiisuu barbaadna jedha.
Xumurarrattis uummatni Oromoo hundi waan danda’aniin daa’imman kana cinaa akka dhaabbatan kan gaafate namni OMN’f yaada kenne kun, egeree daa’imman abbaafi haadha isaanii haala suukkanneessaan dhaban kanaa tolchuuf, namuu waan danda’uun nu cina haa dhaabbatus jedheera.
GIPHY App Key not set. Please check settings