Godina Matakkal, Aanaa Wambaraatti Irreechi Malkaa Alaltuu irreeffatame.
Oromoon Godina Matakkal waggaa waggaan waqtii kana Aanaa Wambaraatti kan argamu Malkaa Alaltuutti walgahee Irreecha irreeffata.
Irreechi Malkaa Alaltuu waggoota shanan darbaniif walitti fufiinsaan kabajamuuf danda’e kun, baranas akkaatuma aadaa fi duudhaa Irreechaan irreeffatamee milkiin xumuramuu dhalattoonni naannoo himaniiru.
Hawaasichi hammam haalota rakkisoo isa mudataniin dhiibbaa jabaa jala jiraatus, haalota mudatan dandamatee bal’inaan bahuun duudhaasaa kana miidhagfachuuf danda’eera.
Torban muraasa duras Irreechi Malkaa Asoosaa achuma Naannoo Beenishaangul Gumuzitti irreeffatamuun ni yaadatama.
GIPHY App Key not set. Please check settings