in

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kiiramuutti gama tokkoon humnoonni Amaaraa babal’ifannaa lafaaf bobba’an gama biraatiin humnoonni mootummaa WBO adamsina jechuun uummata hiraarsaa jiraachuun dhagahame.

[ad_1]

Godina  Wallaggaa Bahaa aanaa Kiiramuutti gama tokkoon humnoonni Amaaraa babal’ifannaa lafaaf bobba’an gama biraatiin humnoonni mootummaa WBO adamsina jechuun uummata hiraarsaa jiraachuun dhagahame.

Mootummaan namoota nagaa haleellaa hidhattoota naannoo Amaaraa dandamatanii qe’ee isaaniitti hafan hidhaa jira jedhu jiraattonni.

Humnoonni Amaaraa immoo namoota nagaa ajjeesuu fi qabeenya mancaasuu itti fufuu dubbataniiru.

Miidhaawwan godinaaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti uummata irra waggoota sadan darbaniif gahaa tureef humnoonni naannoo Amaaraa irra deddeebiin himatamaa jiru.

Mootummaanis komii jalaa hin baane.

Qonnaan bultoota  sadii jiraattota godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu ganda Tokkummaa Qoqoffee kan ta’an, guyyaa lama dura Komunikeeshiniin Aanaa Kiiramuu caasaa WBO to’anne jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti maxxanse. 

Namoota kana yoo qabu “hattuufi caasaa WBO qabanne” jechuun, harkasaanii duubatti hidhuun dararaa kan turan yoo ta’u, amma waajjira poolisii Aanaa Kiiramuutti hidhamanii jiraachuu dhalataan achii OMN dubbise himeera. 

Namoonni kunneen Galataa Abdataa, Fayyeeraa Abdataafi Gabayyoo Fufaa kan jedhaman yoo ta’u, sababa humnoota Amaaraa kana ofirraa ittisuun qe’eesaaniira turaniif yakkamanii qabamuu maddeen keenya himu. 

Jiraataan naannichaa  OMN dubbise  namoonni kun sadan caasaa WBO akka hintaaneefi miliishaa ta’uun sadarkaa addaa addaa irratti  mootummaa tajaajilaa kan turan keessa jiru  jedhu.  

Namoonni kunneen ganda Tokkummaa Qoqoffee iddoo addaa Darrabaa jedhamu akka jiraatan ibsuun, gaafuma isaan qabaman galgala Qonnaan bulaan Jireenyaa Wiirtuu jedhamu humnoota Amaaraa kanaan ajjeefameera jedhu.

Akkasumas, Waxabajjii 4, 2023 dheengadda Ganda Burqaa Soorumaa iddoo addaa Booqa jedhamutti Obbo Alamayyoo Dheeressaa  humnootuma kanaan ajjeefamuu namni OMN dubbise kun himeera. 

Naannoo kanatti ajjeechaan humnoonni kunneen raawwatan dabalaa dhufeera kan jedhu maddi keenya kun, Waxabajji 5, 2023 dargaggoo Tamasgeen Guddataa jedhamu  ajjeesuu himan jiru.

Tamasgeen yeroo darbe humnootuma kanaan abbaasaafi obboleessisaa jalaa ajjeefamuu maddeen keenya himaniiru.

Nageenya uummataa eeguuf tarkanfii mootummaan fudhate akka hin jirreefi humnoonni Amaaraa kun lafa Oromoon irraa buqqa’e qotachaa jiraachuu himuun,  xaa’oon qonnaan bulaa Oromoof dhufe isaaniif hiramaa jira jedhan.

Maqaa sakattaa WBO taasifna jedhuun, Aanichatti milishoota Amaaraa bobbaasuun  saamichaafi ajjeechaa bifa hinqabne akka raawwataniif mootummaan deggeraa jiraachuus maddeen himaniiru. 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxee Ganda Giipootti waraanaa mootummaatiin dargaggoo Taakkalaa Mangashaa Dhugumaa jedhamu ajjeefamuu maatiin himan.

Hayyoonni federaaliziimii fi xiinxaltoonni siyaasaa biyya akka Itoophiyaa kan Saboota, sablammootaa fi ummattoota aadaa, afaan fi eenyummaa garagaraa qabduuf sirni federaalizimii barbaachisaadha jedhan.