[ad_1]
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu keessatti hidhattoonni Faannoo haleellaa qaqqabsiisaniin lubbuu namoota nagaa baasuu itti fufaniiru jedhu jiraattonni.
Guyyaa kaleessaa magaalaa Agamsaa keessatti haleellaa raawwatameen lubbuun nama lamaa darbuufi qabeenyi hawaasaa saamamuu maddeen OMN garasirraa dubbise himanii jiru.
Qaamoleen nageenyaa Raayyaa ittisa biyyaafi poolisii federaalaa dabalatee aanicha buufatanii jiraatanis, humnoota faannoo kana irratti tarkaanfii fudhachuu dhabuun isaanii dubbicha hammeessaa jira jedhu maddeen.
Kaleessa ganama sirna awwaalcha namoota haleellichaan ajjeefamanii irrattis hidhattoonni faannoo dhukaasa banuun badii qaqqabsiisaniiru.
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu keessatti kan argamtu magaalaan Agamsaa waggoota sadii as gagaa’ama waraanaa ulfaataa keessa jiraachuu jiraattonni yeroo adda addaatti miidiyaaleef himaa turaniiru.
Hawaasni gandoota baadiyyaa 9 ol irraa guutuu guutuutti buqqa’an Amuruu magaalaa Oborraafi Agamsa buufatanii jiru.
Qonnaan bultoonni waggoota lama dura qe’eefi qabeenya isaaniirraa hidhattoota finxaaleyyii faannootiin buqqaafaman, ammallee qe’eefi qabeenya isaaniitti utuu hin deebi’iin bakka itti baqatanittis hireen buqqaatii lammataafi ajjechaa isaan mudachaa jira.
Ji’a kana keessas hidhattoonni faannoo bifa haaraatiin haleellaa yeroo eegalanitti, humnoonni mootummaa magaalicha jiran hawaasa baraaruuf yaalii taasisaa akka hin jirretu himama.
Inumaawuu qaamoleen mootummaa qabata “deggertoota WBO” jedhuun baqattoota irratti hidhaa jumlaa hammeessaniiru jedhu maddeen.
Namoota dhuunfaa hidhattoota faannoo ofirraa qolachuuf meeshaa bitatanii hayyama itti baasuun hidhatanii turan irraa meeshaa hiikaa jiraachuu qaamolee mootummaas jiraattonni balaaleffatanii OMN-tti himani.
Tibbana ammoo hidhattoonni faannoo bifa haaraatiin weerara eegaluu isaanii sababeeffatee, hawaasni aanichaa sodaa keessa jiru.
Guyyaa afur dura gandoota baadiyyaa aanaa Amuruu kanneen magaalaa Agamsaatti dhihoo ta’aan irratti haleellaa raawwatameen lubbuun namoota torbaa darbee ture.
Namoota yeros ajjeefaman keessatti miseensonni maatii tokko namoonni afur ni argamu.
Guyyaa kaleessaas magaalaa Agamsaatti taateen wal fakkaataa raawwatamuu maddi keenya garasirraa dubbisne himee jira.
Obbo Dubbaalaa Taganyee qonnaa. bulaafi daldalaa yeroo ta’aan abbaa maatii ta’uu isaanii maddi keenya kun himee jira.
Obbo Dubbaalaan kaleessa ganama utuu qonna qotaa jiraniiti ooyiruu isaanii irratti hidhattoota faannootiin kan ajjeefaman.
Taatee kana hordofuun hawaasni birmannaa taasisee, namoota ajjeefaman kaasuun awwaaluuf bakka walitti qabamanii jiranitti, hidhattoonni faannoo dhukaasa banuun jeequmsa guddaa uumanii akka turanis OMN odeeffateera.
Akka maddi OMN kun jedhutti, qaamoleen nageenyaa magaalaa Agamsaarra buufatanii jiran, yakka ajjechaa qonnaan bultoota irra qaqqabaa jiru kana ittisuuf yaalii taasisan homaa hin qaban.
Inumaawuu hawaasa nagaa hidhuufi qabata deggertoota Waraana Biliisummaa Oromooti jedhuun, miliishotaafi namoota hidhannoo hayyama qabu qaban hidhuun akkaan hammaateera jedhu.
Miseensota raayyaa ittisa biyyaa quuqama sabaa qaban kanneen yakkicha ittisuuf yaalan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuus hawaasni himanii, uummatni Oromoo akka nuuf birmatu barbaannaa jechuun dhaamaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings