[ad_1]
Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaalaa Jaardagaatti walta’insa finxaaleyyiin Amaaraafi shororkeessitootni Faannoo qabata sakattaa Waraana Biliisummaa Oromoo jedhuun waraana bananiin lubbuun namoota nagaa hedduu darbuu maddeen OMN-tti himan.
Humnootni finxaaleyyii Amaaraa fi shororkeessitootni Faannoo guyyaa kaleessaa haleellaa suukkanneessaa raawwataniin, yoo xiqqaate lubbuun namoota nagaa 50 olii darbuu jiraattonni ibsaniiru.
Haleellichi walta’insa humnoota mootummaa fi Finxaaleyyii Amaaraatiin, duula qabata Sakkattaa WBO jechuun lola guddaa banameen raawwatamuu maddeen himaniiru.
Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa haleellaafi saamicha Finxaaleyyii Amaaraa jalatti gidirfamaa jiran keessaa aanaan Jaardagaa Jaartee ishee tokko.
Finxaaleyyiin Amaaraafi shororkeessitootni Faannoo gandoota baadiyyaa Aanaa Jaardagaa Jaartee 4 guutummaa guutuutti qabatanii, qonnaan bultoota buqqaasuun qe’eefi qabeenya ilmaan Oromoo erga dhuunfatanii tutturaniiru.
Mootummaan gama isaatiin qonnaan bultoota Oromoo qe’eefi qabeenya isaaniirraa humnoota shororkeessitoota Faannoofi Finxaaleyyii Amaaraatiin buqqaafamaniif furmaata utuu hin kennin tureera.
Inumaawuu namoonni sababa haleellaa finxaaleyyiitiin godaananii gara magaalaatti baqatanii jiran yeroo mootummaatti iyyachuuf dhaqan, deebii “amma Waraana Bilisummaa Oromoo deggeruu dhaabdanitti, buqqa’uun keessan itti fufa” jedhu argachaa akka turan dubbatu.
Kanumaan wal qabatee tibba kana humnootni Finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitootni Faannoo humnoota mootummaa waliin wal ta’uun, duula Waraana Bilisummaa Oromoo qulqulleessuu jedhu gandoota baadiyyaa aanichaatti bananii akka turan, maddi OMN sodaa nageenyaaf maqaafi sagaleesaa akka dhoksinuuf gaafate tokko himee jira.
Wal ta’insa Finxaaleyyii Amaaraa meeshaa waraanaa ammayyaa’aa hidhatanii fi humnoota mootummaatiin duulli WBO balleessuu jedhu kanaan, aanaan Jaardagaa Jaartee guyyoota sadiif lola gurguddaa akka keessummeessitu taasisee jedha maddi OMN kun.
Bu’uruma kanaan lola gurguddaa adeemsifamaa tureen milkaa’uu kan dadhaban humnoonni finxaaleyyii Amaaraa meeshaa waraanaa ammayyaa’aa hidhatanii fi humnoonni mootummaan bobbaase, tooftaa lolaa jijjiiruu qabata jedhuun, guyyaa kaleessaa gara magaalaa Jaardagaatti ol deebi’uu isaanii ibsa maddi OMN kan biraa.
Humnoonni mootummaafi shororkeessitootni Faannoo gandoota baadiyyaa keessaa lola dheessuun akkuma magaalaa Jaardagaa seenaniin, magaalittii keessatti “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo” qabata jedhuun namoota mana hidhaatii baasanii, gariin ammoo daandiirraa qabanii ajjeesuu akka itti fufan hima.
Battalumas Waranni Bilisummaa Oromoo uummata nagaa magaalaatti humnoota mootummaa fi finxaaleyyii Amaaraan ajjeefamaa jiru baraaruuf magaalaa wayita seenan walwaraansi itti fufe jedhan.
Walwaraansa kanaan humnootni finxaaleyyii Amaaraa, shororkeessitootni Faannoo, loltoonni mootummaa akkasumas jiraattonni magaalichaa hedduun lubbuun darbuudha maddeen kan ibsan.
Humnoonni mootummaa aarii injifachuu dadhabuu isaanii hawaasa nagaatti ba’aa turan kan jedhan jiraattonni, kanaanis namoota nagaa hedduu fixanii jedhan.
Lola bakka maleessaa ykn kan iddoo hin filanne magaalaa walakkaatti kan eegalan humnoota mootummaafi shororkeessitoota Faannoo ta’uu kan ibsan jiraattonni, humnoota hidhatanii wal waraananiin alatti, lubbuun hawaasa nagaa maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuun ajjeefamanii 50 ol ta’uutu ibsame.
Qabeenyi hawaasa hedduun saamamuufi magaalaan guutuun buqqa’uun, hawaasni magaalaa Jaardagaafi gandoota baadiyyaa hedduun gara magaalota ollaatti baqachaa jiraachuus maddeen OMN-tti himaniiru.
Tajaajilli quunnamtii Mootummaa federaalaafi koomishinin mootummaa naannoo Oromiyaa dhimma kana ilaalchisuun ibsa har’a baasaniin, haleellicha kan raawwate Waraana Bilisummaa Oromooti jedhaniiru.
Haa ta’uu malee hawaasni Aanaa Jaardagaa Jaarteefi naannooshee waan raawwatame ilaalchisuun yaada OMN’f kennaniin, kan ajjeefame uummata nagaa ta’uu ibsanii, haleellaan lubbuu namoota nagaafi qabeenya hawaasaa barbadeesse kan raawwatame, walta’insa humnoota shororkeessitoota Faannoofi Finxaaleyyii Amaaraa dabalatee humnoonni mootummaa duula isaan Waraana Bilisummaa Oromoo irratti bananiin lola adeemaa ture gidduutti ta’uu ibsaniiru.
Kana malees ta’e jedhanii uummata nagaa WBO deeggartu jechuun ajjeesaa kan ture humnoota mootummaa fi finxaaleyyii Amaaraati jedhaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings