[ad_1]
Godina Harargee Lixaa aanaa Gammachiisitti manneen hojii namoota waldaaleen gurmaa’anii jalaa diigamuun himame.
Akka jiraattonni OMN’f yaada kennan himanitti aanaa Gammachiis magalaaa Dagaagaa keessatti dargaggoonni waldaan ijaaramanii hojiilee garaagaraa irratti bobbahanii jiran manneen daldalaa jalaa diigamaa jira.
Jiraattota gidduudha dargaggoon dubbifne bulchiinsi magaalaa Dagaagaa manneen waldaa daldalaa kan seera guuttatee hojjataa jiru, osoo hin mari’achiisin, osoo iddoo jijiirraa hin kennin halkan dhufanii meeshaalee daldalaa keessaa guuradhaa jechuun nurratti diigan jedha.
Kanaanis manneen daldalaa jalaa diigamuun meeshaaleen isaanii dirree irratti faca’ee akka jiru himaniiru.
Gochaa isaanirratti raawwatame kanaan meeshaaleen isaanii alatti baafame jiraachuu fi, qaama itti iyyatanis dhabuu himanii haala rakkisaa keessa jiraachuu dubbatu dargaggoonni kunneen.
Kantiibaan magaalaa Dagaagaa dargaggoota manneen hojii osoo yeroon nuuf hin kennamne maalif diigama jechuun gaafatan doorsisaa akka jiruu fi kanneen halkan tokkoof Mana hidhaa bulchee gadi lakkifamanis jiraachuu dubbatan.
Mootummaan yeroo dheeraaf biyyattii keessatti dargaggoonni ijaaramanii hojjatanii of jijjiiruu qabu, biyyaa akka hin baane jechaa akka ture eeranii, waanti amma isaan irratti raawwatame faallaa ta’uu komatu.
Dhimma dargaggoota aanaa Gammachiis magaalaa Dagaagaa kana gama qaama mootummaatiin waan jiru adda baafachuuf kantiibaa magaalaa Dagaagaa Obbo Mohammad Saafiitti bilbbillee ture. Bilbila kaasanii daqiiqaa 30 booda naaf bilbilaa jedhan.
Daqiiqaa 30 booda irra deddeebiin bilbilleef. Bilbila hin kaasan
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings