Godina Harargee Lixaa aanaa Bookeetti qonnaan bultootni 116 ta’an maqaa investimentiitiin beenyaa tokko malee lafa isaaniirraa akka buqqa’an taasifamaa jiraachuu himan.
Bulchiinsa aanaatu gochaaa kana nurratti raawwata jedhaniiru.
Akka qonnaan bultoonni kunneen OMNtti himanitti, lafti investimentiif gaafatame kun heektara 600 ol caalaa dha.
Abbentaan qabiyyee waggaa 15 ol irraa tajaajilamuu isaanii agarsiisuufi ragaa gibira ittiin kaffalaa turan of harkaa qabaatanis, beenyaa tokko malee abbootiin warraa 116 akka buqqa’aniif poolisiitiin dirqisiifamaa jiraachuu himatu.
Dhimma kana ilaalchisuun iyyannoo isaanii gara godinaatti yoo geeffatan, manni murtii fi waajjirri investimantii godinichaa abbentaa lafaa isaaniif eegsisus, bulchiinsi aanaa garuu ajaja mana murtii fi godina fudhachuu hin dandeenye jedhu.
Ol iyyannoo yeroo lammataaf gara Oromiyaatti dhufuu kan himatan qonnaan bultoonni kunneen, waajjirri investimentii Oromiyaas galmee investimentii aanaa Bookee kana akka quba hin qabne himuun, aanaan sun gocha kana akka dhaabuuf xalayaa barreessuu OMN-tti himan.
Kun hundi ta’us garuu, bulchiinsi aanaa Bookee qonnaan bultoota abbootii warraa 80 ol poolisiidhaan qabuun, maalif nu himattan jechuun mana barumsa keessatti guyyootaaf hidhee jira jedhu maddeen.
Lafti waggoota hedduuf abboota keenyarra dhaallee qotataa turre kun, midhaan adda addaa Jimaafi Mixmixa irra qotamuun kunuunfamaa jira kan jedhan maddeen, lafa kanarraa yoo kan buqqaanu ta’es, lafa bakka buufamu yookaan beenyaan ga’aan nuuf kaffalamuutu irra ture jechuun komatu.
Bulchiinsi Aanaa Bookee garuu adeemsa seeraan ala, lafa kanarraa akka buqqaanuuf nu dhiibaa jira jechuun himatanii, matta’aa fudhachuudhaan qabata investimentii jedhuun abbootii qabeenya aanichaaf lafa keenya kennuuf nu buqqaasaa jira jechuun komatu.
Dhimma kana ilaalchisuun bulchaa bulchiinsa aanaa Bookee kan ta’an Obbo Naajii Mohaammadiif OMN bilbilus eenyummaa nama bilbilee fi OMNrra ta’uu akkuma dhaga’aniin bilbila cufaniiru.
Saamichi lafaa fi hidhaan qonnaan bultoota Oromoo kanarratti raawwatamaa jiru adeemsa seera investimentii kan hin hordofneefi gocha hannaa walta’insa bulchiinsa aanaa Bookeetiin nurratti raawwatamaa jirudha jechuun qonnaan bultoonni kunniin himataniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings