[ad_1]
Godina Harargee Bahaa aanaa Gooroo Guutuutti dabballoonni mootummaa uummanni ilmaan isaa waraanaaf akka qopheessu dirqisiisaa jiru jedhame.
Waraanni kaabaa irra deebiin nutti banamuuf jira waan ta’eef dargaggoonni keessan Leenjiif qophaawuu qabu jechuun hawaasa dararaa jiraachuutu dhagayame.
Gama birootiin humnoonni mootummaa maqaa WBO wajjiin hidhata qabduutiin dargaggoota adamsaa jiru jedhame.
Lola Mootummaa Federaalaa fi humnoota TPLF giddutti adeemsifamaa tureen walqabatee Bara 2021 kessa kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti Mata duree Leenjii gaachana sirnaa jedhuun ummanni hiraarfamaa ture
Baha Oromiyaa aanootaa fi magaaloota akka Haramaayaa, Awwadaay, aanaalee Dirree Xiyyaaraa, Harar, Gooroo Guutuu fi kanneen hafan biroo keessatti Leenjii Gaachana sirnaa dargaggootaa fi maatii dargaggootaa fudhachiisuuf bulchitoonni magaalotaa fi aanotaa ummata dirqisisaa turan.
Amma immoo waraanni kaaba Itoophiyaa irra deebiin dhohuuf jennaan ijoollee keessan leenjiif fidaa jechaa jiruu jedhan jiraattonni.
Godina Harargee Bahaa aanaa Gooroo Guutuutti dabballoonni mootummaa waraanni kaabaa irra deebiin nutti banamuuf jira waan ta’eef dargaggoonni keessan Leenjiif qophaawuu qabu jechuun hawaasa dararaa jiruu jedhan.
Akka jiraattonni OMN’titi himanitti torbee kana dabballoonni aanichaa martuu araddoota aanichaa irra deemuun aanicha keessaa yoo xiqqaate nama dhibba shantu leenjii kanaaf barbaachisa jechaa jiran.
Dargaggoota keessan qopheessaa jechuun hawaasa walitti qabanii doorsisaa jiruu jedhu.
Araddaa Dirree Hincinnii lddoo Erer jedhamtutti daa’imman umuriin hin geenyellee barnootarra jiran hedduun humnoota kanneeniin fudhatamanii konkolaataan gara magaalaa aanaa fe’amaa jiraachuu himan.
Waraana marsaa jalqabaan ilmaan hedduun dirqamaan maatirraa guuramanii gara lolaa geeffaman osoo hin deebi’in hafuus kan yaadachiisan jiraattonni, hawaasni naannichaa dhimma kanaan walqabatee yaaddoo keessa jiraachuu ibsan.
Gama birootiin humnoonni tikaa mootummaa dargaggoota aanichaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin hidhata qabduutiin dararaa jiru jedhan jiraattonni.
Haalli hawaasni keessa jiru yaaddessaa tahuus himanii jiru.
Maatiin lola isaaf faayidaa homaatuu hin qabneef jecha ilmaan isaa akka hin kennine, dargaggoonnis akka kanaan duraa akka hin sobaamne, uummanni bal’aan gocha kana balaaleffachuu akka qabu dhaamanii jiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings