[ad_1]
Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadiisitti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa jechuun dabballoonni aanichaa fedhii isaanii malee miindaa irraa muraa jiraachuu Barsiisoti Aanicharraa OMN quunnaman himan.
“Nuti Barsiisonni Aanaa Fadiis jiruu Gammoojjii haala ulfaataa keessa teenyee, Bishaan Jarkaana tokko Qarshii 40 hanga 50tti binnee fayyadamaa, hawaasa keenya qaruuf yeroo dhamaanutti, qaamni mootummaa waggaa waggaan deeggarsa waraanaa jedhee nu dararaa jira, haalli jiru humnaa ol nutti taheera” jedhu barsiisonni Aanichaa haala jiru nuuf ibsan.
Guyyaa kaleessaa Waajjirri Barnootaa Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Walitti qabuun Raayyaa Ittisa Biyyaatiif Mindaa Barsiisotaa 100% mallatteessaa jechuun dirqisiisaa ooluu ibsan.
Waggaa darbes haaluma walfakkaatuun mindaan ji’aa 100% Raayyaa Ittisa Biyyaatiif jedhamuun dirqamaan irraa cituu yaadachiisan.
“Barsiisaan miindaa gadaanaa ji’a eegee argaturraan kan hafe, Durgoos ta’e madda galii biraa hin qabu” kan jedhan Barsiisonni aanichaa OMN quunnaman, Rakkoon qaala’iinsa jireenyaa humnaa ol nutti tahee miindaan ji’aan nu harka gahu maatii nuuf jiraachisuullee yeroo dadhabetti, gocha humnaan miindaa keenya nurraa ciruu irra deddeebiin raawwatamu kana qaama itti iyyannu dhabneerra jedhan.
Aanichatti dargaggoo adamsanii dirqiin gara waraanaatti erguunis itti fufee jiraachuu odeeffanneerra.
Tibbanuma dargaggoonni marsaa duraan adamfaman hedduun gara mooraa waraanaatti fe’amaniiru kan jedhan maddeen odeeffannoo OMN, yeroo ammaammoo marsaa lammaffaaf Araddaa hundatti humna nageenyaa bobbaasuun dargaggoota adamsaa jiru jedhan.
Komii Barsiisotaa fi jiraattota Aanichaarraa dhageenye kana irratti deebii qaama mootummaa sadarkaan jiruu dhagahuuf Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Aanichaa Obbo Muzemmiil fi bulchaa Aanichaa bilbilaan quunnamuuf yaallus argachuu hin dandeenye.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings