Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannatti humnoonni mootummaa Barsiisaa Taliilaa Girmaa Badhaanee jedhamu dabalatee namoota 11 mana hidhaatii baasanii bakka Tuuree Jedhamutti geessanii ajjeesuu jiraattonni OMN tti himan.
Namoota ajjeefaman kanneen keessaa namoota lama malee kan hafan eenyummaan isaanii adda hin baafamne.
Reeffi warra kanaa ammallee akka hin kaafamne waraanni mootummaa eegaa jira jedhame.
Maatiin namoota jalaa hidhaman akka iyyaafatu waamichi godhamaa jira.
Barsiisaa Taliilaa Girmaa Badhaanee dhalootan Godina Salaalee Aanaa Warra Jaarsooti. Kana dura barsiisummaan godina Bunnoo Baddaleetti dalagaa turee jedhu namoonni isa beekan.
Achumatti bultii ijaarratee Haadha manaa fi daa’ima durbaa tokko illee waliin horatee jiraachaa ture.
Namni kun nama warraaqaa fi dhugaa sabaa isaaf dhukkubsatu ta’uusaatiin wal qabatee qaamolee mootummaatiin akka diinatti lakkaawamaa waan tureef Bunnoo Beddellee keessatti hojjechiisuu didnaan gad dhiisee gara Salaalee aanaa Qimbibiit Mana barnootaa sadarkaa Lammaffaa Shanootti hojii eegale.
Achittis hojii dargaggoota dammaqsuu, bara diddaa Oromoo hiriirota qindeessuu keessatti hirmaachaa ture.
Aanaa kanaa kan gadi dhiise waggoota 3 dura yoo ta’u hanga gaafa Ajjeefameetti Finfinnee Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti kan argamu Mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Galaan barsiisaa ture.
Ayyaana waggaa maatii waliin godina Bunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti dabarsee gaafa guyyaa Fulbaana 03, 2015 A.L I osoo gara Finfinnee deebi’aa jiruu Aanaa Daaboo bakka addaa Sabaasabaattii (77) jedhamu irraa fageenya km 5 irratti humni waraanaa mootummaa geejjiba uummata irraa ukkaamsuun mana hidhaa galchan.
Erga hidhanii boodas namoota 11 waliin rashanuu OMN odeeffateera.
Namoota rashanaman jedhaman kanneen keessaa barsiisaa Taliilaa dabalatee namoota lama malee hanga ammaa eenyummaan isaanii hin beekamne jedhama.
Reeffi isaaniis hin kaafamne. Maatiin hidhamtoota isaa akka iyyaafatu jedhu hidhamtoonni.
GIPHY App Key not set. Please check settings