in

Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaatti beelli mudate lubbuu namaa dabarsaa jira jedhu jiraattonni – OMN

[ad_1]

Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaatti beelli mudate lubbuu namaa dabarsaa jira jedhu jiraattonni

 

Aanaa Shaallaa ganda Qeerransa Qubee qofa keessatti sababa beela mudate kanaatiin hanga ammaatti lubbuun nama torbaa darbuu maanguddoon gandichaa OMN-tti himaniiru.

Bulchaan bulchiinsa Aanaa Shaallaa Obbo Ibsaa Tibbeessoo dhimma kana ilaalchisuun yaada OMN’f kennaniin, beelli hamaan aanicha keessatti waggaa lamaa oliif itti fufiinsaan hawaasa miidhaa jiraachuu himanii, gargaarsi dabalaa akka barbaachisu ibsaniiru.

Hongeen Oromiyaa Bahaafi Kibbaa akkasumas Kaabaatiin mul’ate, sadarkaa beelaatti ol guddachuun hawaasa hedduu hubuu eegalunsaa waggaa lama lakkoofsisee jira.

Aanaalee Godina Arsii Lixaa keessatti balaa hongee kanaatiin hedduu miidhaman keessaa aanaan Shaallaa ishee tokko.

Aanaan Shaallaa gandoota baadiyyaa 33 of jalaa kan qabdu yoo taatu, gandoota kanneen keessaa jirattonni gandoota 29 sababa beelaatiin miidhaa ulfaataaf saaxilamanii jiraachuu jiraattonni OMN-tti himaniiru.

Gandoota akka Harbaa Qeerrensaafi Qeerrensa Qubee jedhaman keessatti ammoo hawaasni beela kana damdamachuu dadhabuun lubbuun daa’immaniifi managuddootaa darbaa jira jedhu jiraataan gandichaa OMN dubbise. 

Hanga ammaattis ganda Qeerrensa Qubee jedhamu keessatti sababa beelaatiin lubbuun nama 7 akka darbeefi ammallee namni baay’een jireenya hammaataa jiraachaa jiru jedhu.

Hawaasni aanicha hedduun beela mudate mana baqachuuf jecha, godaansaaf saaxilamaa jira kan jedhan maddi keenya, gara biyyoota ollaafi magaalota godinaatti namni hedduun godaanaa akka jiru himan.

Daa’imman, hawwaniifi maanguddoota dabalatee namoonni sababoota garaagaraatiin  godaanuu hin dandeenye, carraan isaanii taa’anii du’a eeggachuu taateetti jedhu maddi OMN kun. 

Beela kana damdamachiisuuf, gareewwan hawaasa adda addaafi mootummaan gargaarsa xiqqoo gochuuf yaalanis, gargaarsi marsaa tokko taasifamee achumaan hafuuf, hongeefi beelli garuu waan itti fufeef furmaatni waarawaa hin argamnee jedhu jiraattonni aanaa Shaallaa.

Komii hawaasa kanaa ilaalchisuun bulchaa bulchiinsa aanaa Shaallaa kan ta’aan Obbo Ibsaa Tibbeessoo dubbisnee turre.

Hawaasni Aanaa Shaallaa gandoota baadiyyaa 27 keessa jiran rakkoo beelaatiin hedduu miidhamaa jiraachuun dhugaa ta’uusaa bulchaan aanaa Shaallaa Obbo Ibsaa Tibbeessoos himaniiru. 

Obbo Ibsaan rakkoon beela ulfataa mul’achaa jiraachuu amananis, sababa beelaatiin lubbuun darbeera jechuun yaada hawaasni kennan waakkataniiru.

Mootummaanis ta’e dhaabbileen miti-mootummaa yeroo adda addaatti gargaarsa taasisaa jiraachuu kan himan Obbo Ibsaan, ta’us gargaarsi kennamaa jiru ga’aa miti jedhaniiru. 

Sababa hanqina gargaarsaafi walga’insa midhaan nyaataa mul’ateetiin illee hongeen kun hundeerraa hin furamin hafeera jedhan.

Bulchaa Aanaa Shaallaa Obbo Ibsaa dabalatee hawaasni aanaa Shaallaa, iji addunyaa rakkoo keenya akka nuuf argu barbaadnaa jedhaniiru.

Dhaabbileen gargaarsaafi namoomaa akka hawaasa beelaan dhumaa jiruuf birmatu gaafatanii, miidiyaaleenis dhugaa hawaasaa kanaa akka ifa baasaniif waamicha dhiheessaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaafi Federaalaa oomisha qamadii biyyattii dachaa sadiin guddifne jechuun, kana booda qamadii gara biyya alaatti erguuf qophaa’oo ta’uu gabaasanis, lafti Oromiyaa oomisha qamadiitiin miidiyaalee irratti himamaa turte Arsii keessatti sababa beelaatiin lubbuun namootaa darbaa jiraachuu ilaalchisee hanga ammaatti waan jedhan hin qaban.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Waldaan Masarata Kiristoos rakkoo nagaa Oromiyaa godiinota garaagaraatti mudateen hanga ammaa miseensonni ishee 350tti dhiyaatan jalaa ajjeefamuu beeksifte.

DPM Demeke Calls AU Member States to Industrialize, Boost Intrastate Trade –