in

Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsiitti miseensi Kongiransii Federaalawa Oromoo obbo Shaalloo Argoo jedhaman humnoota tikaatiin ukkaamfamuun achi buuteen isaa dhabamuu maddeen OMNtti himan.


Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsiitti miseensi Kongiransii Federaalawa Oromoo obbo Shaalloo Argoo jedhaman humnoota tikaatiin ukkaamfamuun achi buuteen isaa dhabamuu maddeen OMNtti himan.

Obbo Shaalloo Argoo miseensa buleessa KFOti kan jedhu maddi naannicha irraa OMN dubbise erga torbaan sadi dura Aanaa Heeban Arsii gandaa Dagaagaa magaalaa Goljoo keessatti namoota shan wajjiin qabamee hidhamee, achi buuteen isaa hin argamne jedhan.

Obbo Shaalloo Argoo erga hidhamani booda halkan mana hidhaa keessaa baafamee akka dhabamsiifame maddi odeefannoo OMN himee jira.

Maatiin isaa Waajjira Poolisii fi manneen murtii aanichaa gaafatanis deebiin argatan akka hin jirre kan himu jiraataan gandichaa odeefannoo kana nuuf kenne, yeroo qabamu qunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin qabda jedhamuun akka qabame hima.

Obbo Shaalloo Argoo qunnamtii siyaasaa kamuu Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin nama hin qabnee fi qabsoo karaa nagayatti nama amanuu ta’uu isaa maddeen odeefannoo kana nuuf qoodan himani jiru.

Yeroo ammaa obbo Shaalloo Argoo lubbuun jiraa fi du’ee isaa addaan baafachuu hin dandeenye, maatii fi jaarsi biyyaa bahee du’ee fi jiraa isaa nuuf himaa jedhani waajjira poolisii gaafatanis deebii hin arganne jedha.

Namoonni biroo isa waliin hidhaman Wajjiira poolisii aanaa Heban Asrii fi Waajjira Poolisii godinatti hidhamani jiraachuu kan himan maddeen garuu obbo Shaalloo Argoo bakki buuteen isaa hin beekamne jedhan.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

American Univ. Senior Fellow Calls for High-Quality Info Analysis, Criticizes Dishonest Actors | Satenaw: Ethiopian News

UN Pledges Support to Improve Ethiopia’s Human Development | Satenaw: Ethiopian News