in

Godina Arsii aanaa Gunaatti hongeen dheerachuun walqabatee jiruun hawaasaa balaarra bu’ee jiraachuun himame. – OMN

[ad_1]

Godina Arsii aanaa Gunaatti hongeen dheerachuun walqabatee jiruun hawaasaa balaarra bu’ee jiraachuun himame.

 

Aanaa Gunaa gandoota hedduu keessatti midhaan faca’e sababa hanqina roobaatiin manca’uu kan himan jiraattonni, hongee aanichatti mudateen ummanni beelarra bu’aa jiraachuu himu.

Ummanni aanichaa duraan waggaatti yeroo lama qotachuun beekama, yeroo ammaa garuu gargaarsa eeggachuuf dirqameera kan jedhan maddeen odeeffannoo OMN, rakkoon bulchiinsa gaarii aanichatti mul’atu ammoo haala mudate ittuu hammeessaa jiraachuu himan. 

Hawaasa aanichatti rakkoorra bu’ee jiru qaqqabuuf, Dhaabbanni USAID deeggarsa lubbuu baraaruu taasisus, gargaarsi ummataaf dhufe gurguramee faayidaa nama dhuunfaaf oolaa jiraachuu dubbatu maddeen odeeffannoo OMN. 

Guyyaa kaleessaa gandoota aanichaa Re’ee Arbaa fi Re’ee Ambaa jedhaman irraa ummanni gargaarsa fudhachuuf gara magaalaa aanaa dhufus midhaan gargaarsaaf qophaa’e dhoksaan baafamee waan gurgurameef ummanni harka qullaa gara qe’eetti deebi’uuf dirqameera jedhan.

Itti Gafaatamaan waajjira Buusaa Gonofaa aanaa Gunaa Obbo Maammadnuur Ahmad mana kusa banuu diduun ummanni harka qullaa gara mana isaatti akka dacha’u taasiseera jedhu. Guyyaa tokkoon dura midhaan qophaa’e baafamee gurguramuus quba qabaachuu himan.

Aanichatti Hanni bifa qindaa’een raawwatamuu fi neetwoorkiin faayidaa ijaarrachuun qaxxaamuraan duroomuuf adeemsi deemamu hawaasichatti rakkoo jabaa ta’ee jiraachuus ibsan.

Komii jiraattota aanaa Gunaa irraa dhagahamu kana irratti deebii Itti Gafaatamaa waajjira Buusaa Gonofaa aanaa Gunaa Obbo Maammadnuur Ahmad fi Bulchaa aanichaa Obbo  Abdulmaalik Gabii dhagahuuf yaallus hin milkoofne.   

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

DPM&FM Says GERD Achievements Affirmed Fair, Scientific Design | Satenaw: Ethiopian News

Abukaatoon hidhamtoota siyaasaa fi falmaan mirga namaa Abduljabbaar Huseen kaleessa yaadatamee oole. – OMN