in

Gochaan Shororkeessummaa gareen Faannoo Lixa Oromiyaatti raawwate godaannisa hamaa dhiisee darbe jedha maatii isaa bifa sukkanneessaan kan  dhabe dargaggeessi tokko.

[ad_1]

Gochaan Shororkeessummaa gareen Faannoo Lixa Oromiyaatti raawwate godaannisa hamaa dhiisee darbe jedha maatii isaa bifa sukkanneessaan kan  dhabe dargaggeessi tokko.

 

Dargaggoo Deebisaa Dassaalany Horroo guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee, ganda  Dagii  Kootichaa  jiraata. 

 

Ebla 22, 2014 A.L.I haleellaa kan banan hidhattoonni Faannoo Amaaraa  haadha isaa,  Abbaa buddeenaa fi ilma obboleessa isaa dabalatee aantee fi olloota isaa bifa sukkanneessaan jalaa fixuu hima.

 

Gochaan humnoota kanaa yeroodhaan yoo hin dhaabsifamne  Oromiyaa darbees biyya kanaaf balaa hamaa baatee akka dhufu dubbata. 

 

Dargaggeessi godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Dagii Kootichaa jiraatu Deebisaa Dassaalany hammeenya waggaa dura ganda sanatti hidhattoota Faannootiin ganda isaatti raawwatame OMN’tti himeera. 

 

Dargaggoon kun ofiisaa nama  haleellaa hidhattoota Faannootiin waggaa tokko dura Abbaa haadhaa, ilma obboleessaa dabalatee olloota hedduu gochaa sukkanneessaan dhabe. Taateen kun Ebla 22, 2014 A.L.I nurratti raawwate jedha deebisaan. 

 

Haleellaan kun uummata bal’aarratti banamuu kan yaadachiisu dargaggeessi kun  warri humna qabu baqatee kan humna hin qabne dhume jedha.

 

Hidhattoonni Faannoo 600 ta’an ganda san weeraruun gochaa shororkeessummaa raawwatan sunneen hamma ajjeesan ajjeesanii qabeenya uummata saamuun ofirra deebi’an jedhan. 

 

Isa booda reeffa maatii isaanii kaasuu fi awwaaluu hima. Namoonni  baay’een reeffa maatiisaa osoo hin kaafatin buqqa’ee reeffi hedduun bakkeetti bineensan nyaatamee baatii 6 fi 7 booda lafeen isaanii faffaca’ee arguu hima. 

 

Erga taatee kanaa waggaa caaleera. Qe’een isaanii yeroo ammaa margi itti daraaree daggala fakkaata  jira. Daggala namni seenee hin baane ta’ee jira jedha.

 

Maatiin baay’ee buqqa’ee Magaalaa Shaambuu fi bakka nagaan wayyoo qabutti walitti qabamee jiraachuu kan himu dargaggoon kun uummanni  kunis haala rakkisaa keessa jira jedha. 

 

Qe’ee isaanii ganamaatti deebi’uuf Komaandipoostii naannichaa gaafatanis furmaatni hin kennamne. Hanga gaafa OMN waliin  gaaffii fi deebii kana godhuutti ajjeechaan akkanaa aanaalee akka Amuruu, Jaardagaa Jaartee fi Abee Dongoroo keessatti hidhattoota kanaan raawwatamaa jira.

 

Gochaan humnoota kanaa yeroodhaan yoo hin dhaabsifamne  Oromiyaa darbees biyya kanaaf balaa hamaa baatee akka dhufu dubbata.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopian Airlines Kicks off Services for Haji Pilgrims with New Terminal –

NegedBank, Shashemene, Hambericho promoted to the Premier League