in

Gobbuu Sayyootti Onkolooleessaa kaasee yoo xinnaate namoonni nagaa 10 ajjeefamuun himame. – OMN

[ad_1]

Gobbuu Sayyootti Onkolooleessaa kaasee yoo xinnaate namoonni nagaa 10 ajjeefamuun himame.

Godina Wallagga Bahaa aanaa Gobbuu Sayyootti humnoonni mootummaa  uummata nagaa jumlaan hidhaa, manneen gubaa jiru jedhu jiraattonni achirraa dubbifne. 

Onkoloolessaa kaasee magaalaa aanaa qofatti namoonni  nagaa 10 caalaan ajjeefamuu  himu jiraattonni.

Ammaan tana baadiyyaa fi magaalli walirraa citee  aanichi goolama jabaa keessa jira jedhame.

Godina Wallagga Bahaatti aanaa Gobbuu Sayyoo Onkololeessa darbee  kaasee nagaa argattee hin beektu jedhu jiraattonni. 

Namoonni humnoota mootummaatiin  ajjeefamaa  jiraachuu, jumlaan hidhamuu fi manneen jiraattotaa gubachaa jiraachuu himu.

Ji’a Eblaa kaasee  oppireeshinii farra riphee lolaa maqaa jedhuun waraanni uummata nagaa irratti baname gaaga’ama guddaa aanichatti dhaqqabsiisuu jiraattonni OMNtti himan.

Goolama humnoonni mootummaa  fidan kanaan magaalaa fi baadiyyaan adda citee jiraa jedhan.

Aanichatti keessumaa dargaggeessa taatee nagaan baatee galuun abjuu ta’ee jira jedhan. “Yookii ni ajjeefamta yookii immoo ni hidhamta. Maatiin qe’eedhaa dargaggaa’a qabus jiraachuu hin  dandeenye” jedha jiraattota keessaa namni dubbifne tokko.

Onkolooleessaa kaasee yoo xinnaate namoonni nagaa 10 ajjeefamuu kan himan namoonni achirraa dubbifne manneen maatii hedduu humnoota mootummaan bobbaaseen gubachuu dubbatan.

Waqtiin kun waytii oomishaa yoo ta’u sababa goolaba keessa jiruun qonnaan bulaan aanichaa qonna isaallee qotachuu hin dandeenye jedhan.     

Uummanni bahee galuu dadhabe falli inni harkaa qabu falmachuu qofa jedha namni biraa dubbifne.

Oromiyaa kutaa hedduutti dararaan uummata nagaa fi mancaatiin qabeenyaa humnoota mootummaan raawwatamu itti fufee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Security forces’ attacks on the Aari threatens South Omo’s harmony

Dr. Rediet Abebe becomes a member of the 2022 class of Andrew Carnegie Fellows and receives $200,000