in

Gargaarsa qonnaan Bultoota Oromoo Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa aanaalee adda addaa keessatti haleellaa finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitoota Faannootiin qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif kan oolu, dursummaa hayyoota Yuunvarsiitii Wallaggaatiin maallaqa walitti qabuun eegalame.

[ad_1]

Gargaarsa qonnaan Bultoota Oromoo Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa aanaalee adda addaa keessatti haleellaa finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitoota Faannootiin qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif kan oolu, dursummaa hayyoota Yuunvarsiitii Wallaggaatiin maallaqa walitti qabuun eegalame.

 

Qonnaan bultoota kuma 100 olitti tilmaaman kanneen Aanaalee Amuruu, Kiiramuu, Horroo Bulluqiifi magaalaa Agamsaarraa sababa haleellaa humnoota kanaatiin buqqa’aniif hanga ammaatti mootummaan gargaarsa isaaniif taasisuu dhabuutti muffii qabaachuu buqqaatota gidduutii namoonni OMN dubbise komachaa turaniiru.

Hawaasa Yuunvarsiitii Wallagaatiin beekamtii argachuun, sagantaan galii gargaarsaaf oolu walitti qabuu karaa koree hundeeffameetiin ifaan eegalamee jira. 

Hayyoota Yuunvarsiitii Wallaggaa galii walitti qabuuf sochiirra jiran keessaa tokko kan ta’aan, Doktar Haliimaa Jibiriil, toora Facebook isaaniirratti “Namni isa du’eef booha, duuti isa hafeef boossi’ jechuun dhimmicha walirratti ilaaluu akka hin qabne barreessaniiru.

Karaa Koree Yuunivarsiitiin Wallaggaa hundeesse kanaatiin, lakkoofsa herrega baankii maqaa “TUMSA LAMMII” jedhuun banamuusaa kan ibsan Doktar Haliimaa Jibiril, waan humna keenyaa gumaachuun lammiilee keenya gaaddisa mukaa jalatti rakkachaa jiraniif haa qaqqabnu jechuun barreessaniiru.

Hanga ammaatti uummata Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaarraa buqqa’anii, magaalaa Oborraa manneen barnootaafi amantaa keessa qubsiifamanii jiraniif, midhaan nyaataa birrii 480,000.00 bituun qaqqabsiisuu himuun, buqqaatota hundaaf qaqqabuuf gargaarsi cimee akka itti fufus dhaamaniiru.

Lakkoofsi Herrega baankii gargaarsaaf baname kun, Baankii Oromiyaa, Baankii Awaash fi Baankii Daldala Itiyoophiyaa irraa kan baname yoo ta’u, sabni Oromoo hundi amma humnasaatii deggersa akka taasisuuf Doktar Haliimaa Jibiril waamicha taasisaniiru.

CBE ; 1000452304078

OIB: 1490471000001

AWASH ; 01322676071400

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Commentary: The Ethiopian National Dialogue Proclamation: A camouflage for monologue? | Satenaw: Ethiopian News

News: Missing, separated, dead migrants: New ICRC report rings alarm on more than 25,000 minors missing across Africa