in

Gareen Sochii Magariisaa giddu-lixiinsi gabaa jimaa irratti mootummaan taasifame akka hin furamin beeksise. – OMN

[ad_1]

Gareen Sochii Magariisaa giddu-lixiinsi gabaa jimaa irratti mootummaan taasifame akka hin furamin beeksise.

Giddu-lixiinsa mootummaan gabaa jimaa irratti taasise hordofuun duula Sochii Magariisaa kana jalqabuu kan himan qindeessitoota duulichaa keessa kan OMN dubbise, rakkoon gabaa jimaa muudate qaraxa humnaa oliiti fi baay’achuu keellaa seeraan alaati jedha.

Giddu-lixiinsa mootummaan gabaa jimaa irratti taasise hordofuun qonnaan bultoonni rakkoof saaxilamuu ibsaa turani jiru.

Jiruu fi jireenyi ummata Oromoo Harargee omisha jimaa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, mootummaa gabaa jimaa keessa harka naqachuun namoota isaaf amanamaa ta’anin ala gabaa daldala jimaa keessaa daldaaltota hedduu baasuu isaattu dubbatama.

Gama biraatiin keellaawwan mootummaan hin beekne hedduun dhaabbachuun jimaa irratti qaraxa walitti qabuu fi jimaa kiloogiraama tokko irratti birrii 17 qaraxuun qotee bulaan fayyadamaa akka hin taane taasisee jira.

Ji’a darbe keessa sochii mootummaan gabaa jimaa irratti taasisaa jiru fi daballii qaraxaa mormuun duulli Sochii Magariisaa bal’aan adeemsifamaa ture.

Giddu-lixiinsa mootummaan gabaa jimaa irratti taasise hordofuun duula sochii magariisaa kana jalqabuu kan himan qindeessitoota duulichaa keessa kan OMN dubbise, rakkoon gabaa jimaa muudate qaraxa humnaa oliiti fi baay’achuu keellaa seeraan alaati jedha.

Rakkoo gabaa jimaa muudate qorachuuf qaamoleen akka komishiinii Gumruka Itoophiyaa, Poolisii Federaalaa, Biiroolee daldaala naannoolee, Ministira daldaalaa fi kanneen biroo waliin ta’ani qorachuun rakkoon jiru qaraxa humnaa olii fi keellaan mootummaan hin beeyne baay’achuu irra gahan jedha miseensi Sochii Magariisaa yaada OMNf kenneen.

Komishiiniin Gumruka Itoophiyaa rakkoo jiru addaan baafatee qaamolee sadarkaa gadii irra jiraniif xalayaa sirreeffamaa barreessus hanga ammaatti wanti fooyya’e akka hin jirre ibsamee jira.

Xalayaan Komishiiniin Gumruka Itoophiyaa barreesse keellaan seeraan alaa hundi guyyoota 5 jiddutti akka ka’u kan ajaju yoo ta’u hanga ammaatti wanti fooyya’e akka hin jirre himamee jira.

Rakkoon gabaa jimaa muudate baay’achuu keellaa qofa osoo hin taane qaraxa humnaa oliiti kan jedhu miseensi Duula Sochii Magariisaa, Jimaa Kiloogiraama tokko irratti birrii 17 qaratani jedha.

Qaraxa humnaa olii kana kan kaa’e mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uu kan eeru namni yaada OMNf kenne kun, haaluma walfakkaatuun mootummaa naannoo Somaalees qaraxa humnaa olii jimaa irra kaa’ee jira jedha.

Qaraxni jimaa irratti ol ka’uun miidhaan isaa qotee bulaa omisha jimaa irratti bobbaa’eef ta’uu kan eeran maddeen OMN, daldaaltoonni jimaa qaraxa humnaa olii kana jala miliquuf gatii jimaa gadi buusuun qonnaan bultoota irraa bitu jedhu.

Gatiin qonnaan bulaan jimaa gabaa baasee itti gurguratuu fi dadhabbiin yeroo omishaa fi baasiin jimaa oomishuuf bahe kan yeroo gurgurameeti ol ta’ee argamuun qonnaan bultoota kasaaraaf saaxilee jira.

Qaraxa humnaa olii mootummaan jimaa irratti dabaleen qonnaan bulaan bu’aa dadhabbii isaa argatuun Haa hafuu baasii yeroo omishaa jimatti baasee argachuu hin dandeenye jedhu maddeen OMN.

Yeroo ammaa kana qotee bulaan Harargee rakkoo keessa jiraachuu kan himu miseensi duula Sochii Magariisaa, mootummaan rakkoo ummataa kana hatattamaan  furuu qaba jedhe.

 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Why the fourth India-Africa forum summit should happen during Delhi’s G20 presidency

Itti aanaan ajajaa Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii giddu-gala kaabaa fi kaaba-lixa Shaggar Booree Lammii marii WBO fi mootummaa jiddutti Taanzaaniyaa odola Zaanzibaaritti adeemsifame booda waraanni Oromiyaa keessaa hammaatee jira jedhan.