in

Gareen Milishaa Faannoo Amaaraa Oromoo Walloo irratti waraana labse. – OMN

[ad_1]

Gareen Milishaa Faannoo Amaaraa Oromoo Walloo irratti waraana labse.

Gareen Milishaa Faannoo Amaaraa Oromoo Walloo irratti waraana banuuf tibbana ifatti dhaadataa tureera. Viidiyoon gareen kun “Osoo Oromoon Walloo as nu cina jiruu wanti Wallaggaa dhaqnuuf hin jiru, isuma nu cina jiru kanaaf of haa qopheessinu” jechuun ittiin dhaadatuufi hookkara kakaasus fuula miidiyaalee hawaasummaarra naanna’aa jira. Odeeffannoo har’a gara Wallootii arganneen, yeroo ammaammoo humni kun lola qindaawaa Oromoo Walloo irratti labseera.

Guyyaa Kaleessaa  Lola Aanaa Jillee Dhummuugaa iddoo Kollaash jedhamututti gareen Milshaa Faannoo Amaaraa daguutti uummata irratti bane kanaan, dhalattoonni Oromoo 7 rasaasaan rukutamaniiru. Isaan rukutaman keessaa namni tokko lubbuun darbuus jiraataan Gandichaa OMN’tti himan.

Humni kun waraana Kaleessa eegale kana har’as itti fufeera. Kallattii afuriin qe’ee Oromoo Walloo weeraree lola jabaa irratti banee jiraachuu, jiraataan Aanaa Jillee Dhummuugaa kan biraan OMN’f ibsaniiru.

“Ganda Wasan Qurqur, iddoo Gaara Ganda Qarree jedhamtutti lola jabaa keessa jirra” jedhan namni kun. Battala isaan bilbilaan yaada nuuf kennanittis dhukaasa jabaatu dhagahama. Hanga oduun kun qindaa’ettis lolli itti fufeera.

Lola har’aatiin hanga oduun kun qindaa’etti Oromoo Walloo irraa namoonni sadii wareegamuu odeeffannoon garasii nuqaqqabe kan mul’isu ta’us, battala bilbilletti miidhaa qaqqabe adda baafachuu hin dandeenye jedhan maddeen odeeffannoo keenyaa kunniin.

Lolli qindaawaan kallattii afuriin nurratti banamee jira jedhu jiraataan aanichaa kan biraan OMNf haala isaan mudate ibsan.

Guyyaa Kaleessa lola Ganda Kollaash jedhamtutti nurratti baname waloon qolachuuf yeroo yaallutti “Bulchiinsi Godinaa fi Aanaa lolli ammaan booda isin irratti banamu hin jiru, yoo lola kan banan ta’e mootummaa Federaalaatu isinirraa qolata” jechuun uummanni akka of dagatu godhaniiru, kana hordofee humnoonni Amaaraa halkan edaa bakka qabatanii buluun, har’a bifa qindaa’een nu weeraraniiru jedhan.

Ummanni waliif birmatee lola isarratti baname waloon akka hin qolanneef  Kaabinoonni Godinichaa danqaa jiraachuun rakkoo numudate hammeesseera jedhu. Namoota waliif birmachuuf lafa fagoo qaxxaamuranii gara iddoo lolaatti imalan qaamni mootummaa karaatti danqaa jiraachuu fi meeshaa irraa hiikuuf doorsisuu himan.

Gama biroon Kallattii daangaa Affaariinis lolli jabaan uummata Aanaa Baatee irratti banamee jiraachuu himu jiraataan Godinichaa kun. Lolli yeroo ammaa nurratti banamee jiru hedduu yaachisaadha, labsa duguuggaa sanyii uummaticha qe’eesaa irraa dhabamsiisuu kaayyeffate waan ta’eef, qaamni egereen uummata kanaa isa dhiphisu kamuu callisaan nurratti ilaaluu hin qabu jedhan.

Humnoonni Amaaraa waqtii Soomaa eeggatanii karoora uummaticha qe’eesaa irraa dhabamsiisuuf qaban hojiitti hiikuuf yaalaa jiraachuu kan ibsan Oromoon Walloo  Humnoonni Federaalaa Godina Addaa Saba Oromoo buufatanii jiran lolli akka dhaabbatuuf gaafachuurra darbee tarkaanfiin fudhatan tokkollee hin jiru jedhu. Gaaffii lola dhaabuu isaan dhiyeessan ammoo, gareen Milishaa Faannoo Amaaraa waan hin simanneef lolli itti fufeera.

Gareen Milishaa Faannoo Amaaraa kallattii hundaan biyyattii goolaa jiruu fi ummanni nagaan qe’eesaarra akka hin jiraanne taasisaa jiru kun, ifatti Mootummaa naannichaa, Abbootii qabeenyaa fi Dhaabolee siyaasaa naannoo Amaaraa bu’uureffataniin kan deeggaramu wayita ta’u, torban torbaniin humna milishaa leenjisee bobbaasuu itti fufeera.

Humni kun gocha suukanneessaa uummata nagaa irratti raawwataa jiruun cinatti, dhiheenyuma Shawaa Bahaatti Milishaa Oromiyaa 30 ta’an, Horro Guduruu Wallaggaatti ammoo Humna Poolisii Federaalaa fi caasaa mootummaa naannoo 39 ta’an fixuu gabaasnee turre. Haata’u malee hanga yoonaatti sochii garee milishaa kanaa dhaabsisuuf gama mootummaa Federaalaatiinis ta’e kan naannoleen tarkaanfiin qabatamaan fudhatame hin jiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Nine Mln People in South Sudan will Need Aid this year, UN Warns –

Telecom Struggles In Spite of Investment