Gareen bataskaana maandheffachuun olaantummaa gosa tokkoo itti fufsiisuu barbaadu Abbootii Sinoodosii haarawa hundeessan irratti olola maqa-balleesssii garaagaraa bu’uura hin qabne oofaa jira.
Hundeeffama Sinodoosii haaraa keessatti adda dureen kan eeraman Abuna Saawiroos barnoota hin qaban, ilma qabu jechuun waan Phaaphaasii tokkoof bataskaanichaan hin heyyamamneen maqaa isaanii kaasaa jiru.
Abuna Saawiroos Dhimmoota kanneenirratti miidiyaaf deebii kennanii jiru.
Ilma obboleettiisaanii kan guddisanii barsiisan qabaachuu fi Muudamni phaaphaasummaa fi bakki tajaajila amantaa isaan itti ramadaman hundi barnootaa fi gahumsa isaanii bu’uura kan godhate ta’uu ibsan.
Warri Amantaa daheeffachuun olola oofu kunneen faayidaan isaanii waan jalaa tuqameef akka ta’e Phaaphaasonni kan dubbatanii jiru.
Gareen Bataskaana dahoo godhatee maqa-balleessii oofu kun asiin dura gaafa Paatriyarkiin Bataskaanichaa Abuna Maatiyaas Waraana Tigraay balaaleffatan Juntaa jedhaniinii turan. Gaafa isaan dhukkubsatanii waldhaansaaf biyya alaatti imalan immoo Taabotaa fi hambaalee bataskaanaa dhoksanii biyyaa baasaa jiru jedhuun maqaa balleessaa turuun ni yaadatama.
Har’a immoo gareen kun Abuna Maatiyaas gaaf sana waan meeqa jedheen faarsee jala dhokatee Abuna Saawiroosfaa irratti olola maqa balleessii oofaa jira.
Rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa bataskaana Ortodoksi tawaahidoo Itoophiyaa keessatti barootaaf hidda gadi fageeffate hordofee jijjiiramni bu’uuraa akka barbaachisu waggootaaf gaaffiin gaafatamaa ture. Gareen bataskaana maandheffatee olaantummaa gosa tokkoo, saamichaa fi hojmaata badaa itti fufsiisuu barbaade garuu gaaffilee amantoonni gaafachaa turan deebisuuf fedhii tokkollee hin agarsiifne.
Inumaa gaaffii haqaa ka’aa ture gaaffii siyaasaa fi gosummaa fakkeessee dhiyeessuun busheessaa ture. Kana hordofee Dureewwan Amantichaa tibbana Sinoodoosii haaraa hundeessanii jiru. Adeemsa kanaan kan dallane gareen bataskaana mana gosa tokkoo gochuu barbaaduu fi saamaa jiru Abbootii amantaa Jijjiiramaaf kaka’an kanneenirratti olola Maqa-balleessii oofaa jira.
Kanneen Maqa balleessiin irratti deemaa jiru keessaa tokko Abuna Saawiroosi. Abuna Saawiroos ilma qabu, barnoota hin qabani, nama ajjeesanii jechuun ololli garee Finxaalessaa kanaan irratti oofamaa jira.
Dhimmoota kanneenirratti miidiyaaaf deebii kan kennan Abuna Saawiroos warri gaafa haqni bahu faayidaan jalaa tuqamu kunneen kan oofaa jiran soba adii ta’uu himan. Ilmi isaan ittiin na waamaa jiran ilma Obboleettii kiyyaa ani guddisee barsiise malee ani duudhaa Amantaa cabsuun nama bultii fi ilma horate miti jedhan.
Karaa barnootaas gahumsaa fi naamusaan nama tajaajila amantaa kennaa bataskaana Ortodoksi tawaahidoo hogganaa turan ta’uu himanii jiru. Seenaa fi eenyummaan isaaniis kana agarsiisa.
Wanni lubbuu namaa baase jedhanii afarsanis ragaa tokko kan hin qabne akka ta’e himanii jiru. Warri Amantaa daheeffachuun olola oofu kunneen faayidaan isaanii waan jalaa tuqamuuf akka ta’e Phaaphaasonni kan biroos dubbatanii jiru.
Gareen Bataskaana dahoo godhatee maqa-balleessii oofu kun asiin dura gaafa Paatriyarkiin Bataskaanichaa Abuna Maatiyaas Waraana Tigraay balaaleffatan Juntaa jedhaniinii turan. Gaafa isaan dhukkubsatanii waldhaansaaf biyya alaatti imalan immoo Taabotaa fi hambaalee bataskaanaa dhoksanii biyyaa baasaa jiru jedhuun maqaa balleessaa turuun ni yaadatama.
Har’a immoo gareedhumti kun Abuna Maatiyaas gaaf sana waan meeqa jedheen maqaa balleessaa bahe jala dhokatee Abuna Saawiroosfaa irratti olola maqa -balleessii oofaa jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings