in

Gamtaan Hawaasa Oromoo Biyya Jarmanii murtee Abbootiin keenya Sinodoosii Bataskaana Ortodoksii haaraa hundeessuuf fudhatan ni dinqisiiffanna, ni deeggara jedhan.


Gamtaan Hawaasa Oromoo Biyya Jarmanii murtee Abbootiin keenya Sinodoosii Bataskaana Ortodoksii haaraa hundeessuuf fudhatan ni dinqisiiffanna, ni deeggara jedhan.

 

Uummanni Oromoo tajajjilli mana sagadaa kanarraa argatu afaan, aadaa, fi eenyummaa isaa bifa kabajeen akka ta’u waggoota dheeraaf gaafachaa tureera, Haata’u malee olaantummaan Afaan, aadaa fi eenyummaa saba tokko mana amantaa kana keessatti dagaage gaaffiin uummatichaa deebii akka hin arganne taasisee ture jedhu.

Mana sagadaa kana keessatti, sadarkaa bulchiinsa gubbaa kaasee haga gadiitti, namoota saba tokko qofa hirmaachisuun, saamicha lafaa fi qabeenyaa, akkasumas hojii siyaasa fedhii saba tokko giddu gala godhate adeemsiisuutu mul’ata kan jedhe Gamtaan Hawaasa Oromoo Biyya Jarmanii, haalli kun keessumaa  waggota afuran darban akkaan hammaachuu ibsan.

Dhaabbilee Amantaa hanga bakka finxilaayyeen Amaaraa leenjii waraana itti fudhatanii fi meeshaa waraana itti kuufatanii gochuutti gahamuus yaadachiisan. Kana malees Abbooti Amantaa ergama ofii dagachuun hanga Uummata irratti waraana labsuuttis gahaniiru jedhu.

Kana hubachuun, Abbootiin dhugaa fi Kara waaqaa qabatanii jiran, yeroo adda addaa wanti kun akka qajeelu, sabaa fi sab-lammii hundi afaan isaaniin akka tajajjilaman gaafataa turaniiru, gaaffii kana bu’uura godhachuunis murtee Sinodoosii Bataskaana Ortodoksii haaraa hundeessuuf fudhatan, ni dinqisiiffanna jedhan.

Hojiin kun akka milkaa’uuf, manni amantii Ortodoksii Oromiyaa jabaatee, uummata keenyaaf Afaan, aadaa fi eenyummaa isaa kabajee akka tajajjila kennuuf, waan barbaachisa tahe hundaan, bira dhaabbaanna jedhu Oromoon biyya Jarman.

Ilmaan Oromoo amantii garaa garaa keessa jiran dabalatee, Oromoon hunduu barbaachisummaa isaa hubachuun yaada tokkoon hojii eegalame akka deeggaraniifis waamicha dhiyeessan.       

 

 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopian Orthodox Church Holy Synod excommunicates dissident clergy in life or death | Addis Zeybe

Ethiopian Orthodox Church Holy Synod convenes on alleged illegal ordination of episcopates | Addis Zeybe