in

Gamtaan Awurooppaa hariiroo Itoophiyaa fi Gamtaa Awrooppaa bakka duraan turetti deebisuuf fooya’iinsi jiraatullee ammas waan heddutu hafaa jedhe.


Gamtaan Awurooppaa hariiroo Itoophiyaa fi Gamtaa Awrooppaa bakka duraan turetti deebisuuf fooya’iinsi jiraatullee ammas waan heddutu hafaa jedhe.

Haaldureewwan hariiroo Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa bakkatti deebisuuf gamtichaan kaa’aman kanneen akka dhukaasa dhaabuu, loltoota Ertiraa Itoophiyaa baasuu, dhiyeessii gargaarsa namoomaa fi tajaajilawwan bu’uuraa addaan citan deebisuu akkasuma cabiinsa mirgoota namoomaa qaamota lamaaniin raawwatamaniif gaafatamni jiraatuu akka  ta’e gamtichi ibsee ture.

Pirezidaantiin itti aanaa Komishiinii Gamtaa Awuooppaa Jooseef Boorel dhimmoonni kunniin kora ministeerota dhimma alaa fi  nageenyaa Gamtaa Awurooppaa dhiheenya taa’ame irratti kan ka’e ta’uu ibsani jiru.

Dhukaasa dhaabuun Bitootessa darbe labsameefi marii siyaasaa ilaalchisee fooyya’insi tokko tokko jiraatulleen, hariiroo Gamtaa Awurooppaa fi Itoophiyaa gara bakka duraan turetti deebisuudhaaf ammallee gahaa miti jedhameera.

Sarbama mirga namoomaa walwaraansaan uumame hordofee hariiroon Gamtaa Awurooppaa fi Itoophiyaa jidduu jiru laafuun gamtichi deeggarsa Itoophiyaaf taasisu irraa duubatti jechuun ni yaadatama.

Haa ta’u malee gamtichi “deeggarsa uummata Itoophiyaatiif taasisu hin dhaabne” kan jedhan Jooseef Boorel, kanaaf ammoo hawaasa sababa waraanaatiin miidhamaniif deeggarsa fayyaafi barnootaaf kan oolu Yuuroo miliyoona 80 kennuu ibsan.

Beelaa fi haleellaan saalaa naannoo Tigraayitti waggoota lamaan darban keessa akka meeshaa waraanaatti dhimma itti bahamuu qondaalli Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Jooseef Boorel ibsani jiru.

Qaamolee lamaan biratti mariin nagaa akka gaggeeffamu fedhiin akka jiru himamullee, “nyaata, qoricha, tajaajila ibsaa, telekoomiifi baankii dhorkuun akka meeshaatti hojiirra oolaa jiru” jedhan.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Hoogganaan Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo Pirofeessar Maraaraa Guddinaa mariin biyyaaleessaa Itoophiyaa qaamota siyaasaa hunda hin hirmaachisu taanaan bu’a qabeessa ta’uu hin danda’u jedhan.

Ethiopian officials admit using a Biafra-like siege to starve Tigray | Satenaw: Ethiopian News