[ad_1]
Gammeessaa fi qabsaawaa Oromoo kan ta’an Obbo Urgeessaa Waaqkenne addunyaa kanarraa du’aan boqatan.
Namni kun Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti qooda hin dagatamne ba’achaa turuu seenaan jireenya isaanii ni mul’isa.
Obboo Urgeessaan miseensa ABO turan.
Kana malees Obbo Urgeessaa Waaqkennee warreen KFO hundeessan keessaas adda duree yammuu ta’an hooggansa olaanaa dhaabichaa ta’uunis tajajilaniiru.
Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo, Abbaa isaanii Obbo Waaqkennee Dabaloo fi Haadha isaanii Aadde Iftuu Furii irraa Ebla 5, 1933tti Giddugala Oromiyaatti dhalatan.
Obbo Urgeessaan dhukkubsatanii yeroo dheeraaf waldhaansa irra turan.
Waxabajji 1, 2023 du’aan Addunyaa kana irraa du’aan boqatan.
Sirni Awwaalcha isaaniis, magaalaa Finfiinneetti Jimaata kaleessa Waxabajji 2, 2023 raawwatame jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings