in

Gaafii hunda dura abbummaa Oromoon Finfinnee irratti qabutu deebi’uu qabaa jedhan Qondaalli Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi ogeessi seeraa Dajanee Xaafaa.


Gaafii hunda dura abbummaa Oromoon Finfinnee irratti qabutu deebi’uu qabaa jedhan Qondaalli Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi ogeessi seeraa Dajanee Xaafaa.

 

Akeekni murtoo daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee tibbana qondaalota bilxiginnaatiin murtaayee daldala lafaa malee gaaffii Oromoo akkanumas gaaffii qonnaan bultoota lafti isaanii Finfinneen weeraramaa jiruu deebisu akka hin taanes dubbataniiru.

Finfinneen hundeeffama isheerraa eegalee magaalaa weeraraan lafa Oromoo irratti hundooftee  weeraraan lafaa fi nama Oromoo liqimsaa babal’atte ta’uu kan kaasan Obbo Dajaneen, gaaffii hunda dura Abbummaa Finfinneetu deebii argachuu qaba jedhan.

Madaawwan Oromoon sababa babal’ina Finfinnee arges daangaa sararuun osoo hin taane seenaa fi abbummaa magaalaa Finfinnee galchuun kan fayyu ta’uu himaniiru.

Magaalaan Finfinnee  guyyaa  hundeeffama isheerraa eegaltee magaalaa  Oromoo dhiibaa turte dha. Jalqabaa kaampii waraanaa Minilik taatee 1886 hundaawuun ishee seenaan kan himu maagaalaan Handhuura Oromiyaa weerara Minilik boodas taanaan giddugaleessa moototaa fi sirna cunqursitootaa taatee itti fufuu isheetiin mandhee roorroo Oromoo turte. 

Sababa kanaaf hariiroon sirnoota Itoophiyaa dhufaa dabranii fi Oromoo fi hariiroon Finfinnee fi Oromoos waliif masaanuu ture. 

Kun waldhaansoo mootonni dhufaa dabraa leecalloo Oromoo qooddachuuf godhaniifi  adeemsa gita bittaa irraa kan madde dha  malee  Oromoon Finfinnee waliin diinummaa qabaatee miti. Lafa handhuura isaati. Kanaaf guyyaa hundeeffama isheerraa eegale gatii guguddaa itti kaffaleera.  Oromoon qaamaan  Finfinnee beekuus, kan hin beeknees aarsaa qaalii itti kaffalaa as gaheera.  Hanga Guyyaa kanaas magaalaa handhuura isaa tanaaf aarsaa walirraa hin cinne kaffalaallee jira.

Sirnoonni Itoophiyaa hanga har’aa bulchan garuu masaanummaa kana jijjiiruuf akkanumas weerara Finfinneedhaan raawwatamu kana dhaabsisuu caalaa itti fufsiisuu filatan.  

Tibbana  Gareen Bilxiginnaa biyya bulchaa jiru weerara lafaa Finfinneen gara lafa Qonnaan bulaatti gootu dhaabsisuuf murtoo tokko murteessuu hime. Murtoo daangaa Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa sararuu jedheen.  Murtoon kun qorannoo koree teeknikaa dhimma kanaaf hundaayerra dhaabbatee kan murtaaye ta’uu mootummaan biltsiginnaa himata.

Akkaataa murtoo kanaatti mandara qubaan lakkaawaman kan Finfinneen weerarteen ala lafti bulchiinsa godina addaa jalatti deebi’ee daangeffame hin jiru.

Badii hanga gosa Oromoo, eenyummaa, aadaa fi afaan Oromoo sababa weerara magaalaa tanaan gahe ilaalchisee Tarkaanfii Bulchiinsa Oromiyaa fi Finfinnee ammaa  kana keessatti murtoon kaayame hin jiru. 

Dhimma kanarratti yaada kan kennan Qondaalli olaanaan KFO fi ogeessi seeraa Obbo Dajanee  Xaafaa murtoon kun daldala lafaa yoo ta’e malee gaaffii uummataa deebisuu kan kaayyeffate miti jedhu.

Argannoon Koree teknikaa Finfinneen magaalaa weeraraan lafa Oromoorratti hundoofte ta’uu mirkaneessee jira kan jedhan Obbo Dajaneen, daangaa sararuu dura akkaataa argannoo  kanaan Finfinneen lafa qabiyyee Oromoo ta’uu murteessuutu fala ta’uu dubbatan.

Yoo kana hin taane weeraraa fi daba armaan dura tureef beekkamtii kennuu akkanumas wareegama kaffalame gatii dhabsiisu dha jedhan Qondaalli KFO kun.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: US court dismisses two years litigation to shut down OMN

GERD Promotes Regional Development, Realize SDGs: Prof. of Morgan State University | Satenaw: Ethiopian News