in

Gaafatamaa Waajjira ABO godina Arsii Lixaa kan turan Obbo Huseen Uttuyyuu mana hidhaa keessatti dhukkubsatanii waldhaansa dhabuu isaaniitiin hedduu miidhamanii jiru jedhu maatiin.

[ad_1]

Gaafatamaa Waajjira ABO godina Arsii Lixaa kan turan Obbo Huseen Uttuyyuu mana hidhaa keessatti dhukkubsatanii waldhaansa dhabuu isaaniitiin hedduu miidhamanii jiru jedhu maatiin. 

 

Ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda qabamanii, waggaa tokkoo oliif mana hidhaa erga tursiifamanii booda, ji’a shan dura kan hiikaman Obbo Huseen, hiikamanii ji’a tokko booda ammas yeroo lammataatiif deebifamanii qabamuu isaaniitu himama.

Obbo Huseen Uttuyyuu maanguddoo ganna shantamaa oliiti jedhu maatiin. 

Abbaa maatiifi nama ijoollee geessifate.

Maanguddoon sabboonaa kun bara 2019 irraa eegaluun erga ABO’n karaa nagaa qabsa’uuf gara Oromiyaatti deebi’ee gaafatamaa waajjira ABO aanaa Zuwaay Dugdaa ta’uun tajaajilaa turuu isaanii himu.

Bara 2020 ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda mootummaan namoota siyaasaafi miseensota Paartilee morkataa hedduu hidhuunsaa kan yaadatamu.

Namoota siyaasaa yeroo sana hidhaman keessatti kan argaman Obbo Huseen Uttuyyuu, mana murtiitti utuu hin dhihaatin, qorannoofis osoo hin qaqqabiin yeroo dheeraaf achuma aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti hidhamanii turan. 

Mana hidhaa keessatti dhibee Narviif kan saaxilaman maanguddoon kun, waldhaansa ga’aa tokko malee yeroo dheeraaf rakkataa turanii, Eebla bara 2014 keessa hiikamuu isaanii maatiin OMN-tti himan.

Obbo Huseenis mana hidhaarraa akka hiikamaniin battaluma yaala argachuuf mana yaalaatti deddeebi’uun beellama qabatanii turan. 

Haa ta’uu malee guyyaa beellama asoo hin ga’in ammas yeroo lammataaf humnoota mootummaatiin qabaman.

Yeroo ammaa kana achuma Aanaa Zuwaay Dugdaatti hidhamanii kan jiran Obbo Huseen, sababa waldhaansaafi yaala ogeessaa hin arganneef mana hidhaa keessatti sadarkaa yaaddessaarra ga’uu isaanii maatiin OMN-tti himaniiru.

Hidhamtootni siyaasaa Oromoo aanaalee, godinaafi magaalota Oromiyaa adda addaatti hidhamanii jiran hedduun dhageettii osoo hin argatin, dararaa argaa jiru kan jedhan maddeen, Obbo Huseeniin alatiillee namoonni hedduun aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti hidhamanii jiraachuu OMN odeeffateera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News Alert: EU alarmed over “totally blocked” humanitarian access in Tigray, “greatly impeded” in affected areas in Amhara, Afar

Torbee Irreechaa ilaalchisuun sagantaaleen adda addaa magaalaa Finfinnee fi Bishooftuutti qopha’aa jiru. – OMN