Fandiin Maallaqaa Idil addunyaa IMF Dinagdeen Itoophiyaa bara 2023 dhibbeentaa 5.3 guddata jechuun raage.
Dhaabbatichi baatiiwwaniin dura raaga dinagdee baasen dinagdeen biyyattii dhibbeentaa 5.7 guddata jedhee kan ture yoo ta’u sakatta’a haala dinagdee biyyoota addunyaa (world economic outlook) guyyaa kaleessaa baaseen immoo dinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 5.3’n guddata jedhee jira.
Raagni diinagdee IMF Itoophiyaaf kaaye kun haga biyyoonni galii gad aanaa qaban bara 2023 ittiin guddachuu danda’an jedheen wal qixa.
Raagni Fandichi Itoophiyaaf raage kan biyyoota galii gadi aanaa qabanii keessaa torba keessaa sadarkaa 3ffaarra kaa’amuu kan danda’u. Biyyoota guddachaa jiran keessaa guddinni olaanaan kan raagameef DRC yoo taatu biyyattiin bara 2023tti guddina dhibbeentaa 6.7 akka galmeessiftu raage IMF.
IMF raaga isaa bara 2022 dhumuuf ji’i muraasni hafe kana keessatti immoo diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 3.8’n guddata kan jedhu jabeessee bira darbe.
Raaga waggaa 5 boodaa kaayeenimmoo diinagdeen Itoophiyaa bara Faranjootaa 2027tti dhibbeentaa 7’n guddata jedha IMF.
Mootummaan Itoophiyaa Barri bajataa Itoophiyaa 2014 gaafa eegalu diinagdeen biyyattii 8.7% guddata jechuun jechuun kan tilmaame yoo ta’u dhuma bara bajatichaatti guddinni kun akka hin milkoofne himee ture.
Ministeerri maallaqaa Ahmad Shidee Caamsaa 30 bara 2014 bajata bara 2015 gaafa dhiyeessan guddinni Itoophiyaa kan bara 2014 dhibbeentaa 7 akka hin caalle kaasanii turan.
Qaalayiinsa jireenyaa Itoophiyaa irratti lakkoofsi IMF gabaasa isaa keessatti kaaye kan ejensii staatistiksii Itoophiyaatii walirraa hin fagaatu.
Diinagdeen Itoophiyaa bara Bulchiinsa Bilxiginnaatiin dura waggoota 10 walitti aananiif dijiitii lama guddachuudhaan kan beekamu yoo ta’u Diinagdee saffisaan guddachaa jiran keessaa warra angafaa jedhamee jajamaa ture.
IMF gabaasuma haala diinagdee biiyyoota addunyaa kaleessa baaseen diinagdee waliigalaa addunyaa bara 2023 dhibbeentaa 2.7 qofaan guddata jedhe.
Sababootni guguddoon immoo kufaatii diinagdee (recession), waraaana Yukreenii, qaalayiinsa jireenyaa, dhala maallaqaa olaanaa dha jedha. Diinagdee addunyaa bara 2023 keessa kufaatii galmeessaa itti fufa jedhan Ikonomistiin IMF Piyeer Oliviyeer Gowurinchas.
Bara 2023tti Qaalayiinsi jireenyaa keessumaa nyaataa fi anniisaa maatii baay’ee addunyaa keenyaaf qormaata olaanaa ta’uu akka danda’u raagameera.
GIPHY App Key not set. Please check settings