[ad_1]
Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa Godina Booranaa Aanaa Miyootti birrii miiliyoona 14’n hojii bishaan baasuu eegalchiise.
Duudhaalee Artist Hacaaluu keessaa tokko kan ta’e, saba ofiif birmachuu ture kan jedhan haati warraa Artist Hacaaluu Aadde Faantuu Damusoo Faawundeeshinichis hojiilee gaggaarii kana itti fufsiisaa jedhan.
Bu’uruma kanaan faawundeeshiniin Artist Hacaaluu Hundeessaas duudhaaleesaa itti fufsiisuuf, Godina Boorana bakka hongeen irra deddeebiin itti mudate Aanaa Miyoo ganda Bokkuutti, bishaan boollaa baasuun hawaasa rakkoo keessaa baasuuf, piroojektii birrii miliyoona 14 jalqabsiisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’ee jira.
Dhagaan bu’uraa bishaan bollaa kun, Haadha Warraa Artist Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damusootiin kan ka’ame yoo ta’u, pirojektichi ariitiin hojjetamuun tajaajilaaf ni dhaqqabas jedhameera.
Baajatni pirojektichaaf barbaachisu Faawundeeshinii Artist Hacaaluu Hundeessaatiin kan ramadamu yoo ta’u, pirojektichi yeroo xumuramu, hongee hawaasa naannichaa mudataa tureef furmaata ni ta’aa jedhamee eegama.
Artist Hacaaluu Hundeessaa yeroo lubbuun turetti, hawaasa Oromoo balaa uumamaafi namtolcheetiin miidhamaniif birmachuun beekamaa kan jedhan haati warraa isaa Aadde Faantuun, Faawundeeshiniin Hacaaluus duudhaalee gaggaarii inni ittiin jaallatamu itti fufsiisuuf hojjeta jechuun saaqinsa Faawundeeshiniichaa irratti kana dura dubbatanii turan.
Aadde Faantuu Damusoo Boorana Aanaa Miyoo ganda Dirree Bokkuutti qaamaan argamuun, hawaasa horsiisee bulaa naannichaa waliin dhagaa bu’uraa ka’aniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings