Embasiin UK Finfinnee jiru lammiileen UK gara godinaalee Shawaa Kaabaa fi Shawaa Lixaatti imaluu irraa akka ofqusatan hubachiise.
Embasichi akeekkachiisa imalaa baaseen, bakkeewwan kanneenitti haleellaan xiyyaarota waraanaatiin raawwatamu jiraachuu malaa jedhe.
Embaasichi naannolee biyyattii garaagaraatti rakkoon nageenyaa jiraachuu eeree, naannoo Oromiyaatti godinaalee Wallaggaa arfanitti imaluun rakkoof akka saaxiluu danda’u hubachiiseeti jira.
Kana malees godinaalee Shawaa Kaabaa fi Shawaa Lixaa daandii guddicha irraa fagaatanii deemuun balaa akka qabaachuu danda’u akeekkachiiseeti jira.
Naannoo Tigraay, naannolee Amaaraa fi Afaar bakkeewwan Tigraayitti dhihoo ta’an, naannoo Beenishaangul Gumuz godinaalee Matakkal fi Maa’oo Koomoo, Naannoo Gaambeellaa, bakkeewwan garaagaraa naannawaa daangaa Itoophiyaan Sudaan, Sudaan Kibbaa, Eritiraa, Keeniyaa fi Somaaliyaan waldaangessituttis otoo imaluu baattanii gaarii dha jedhe embaasichi lammiilee biyya isaatiin.
GIPHY App Key not set. Please check settings