in

Embaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu Itoophiyaatti walwaraansi dhaabatee mariitti akka galamu gaafate. – OMN

[ad_1]

Embaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu Itoophiyaatti walwaraansi dhaabatee mariitti akka galamu gaafate.

 

Gaazexeessaan Maartin Pilaawot   gama isaatiin humnoonni mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi bu’uura waaranichaa kan ta’e ummata balleessuu fi barbadeessuuf ajjeechaa jumlaa raawwataa jiru jedhe.

Gaazexeessaan gaanfa Afrikaa fi Afrikaa kibbaatti dhimma walitti bu’iinsaa irratti barreessuun beekkamu Maartiin Pilaawot ajjeechaawwan Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran hordofuun xinxalla tibbana barreesseen humnoonni mootummaa odeeffannoo sobaa haala gaariin diriirfame hordofuun duula gurguddaa lama ummata nagaa irratti raawwataa jiru jedhe.

Duulli jalqabaa waraanni mootummaa qubsuma Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf Oromiyaa dhihaatti qabeenya ummataa gubuu fi ajjeechaa jumlaa raawwatuu yemmuu ta’u, kan itti aanu 2ffaan yakkoota raawwataman kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo komatuu dha jedhe.

Tooftaan Oromiyaa keessatti ajjeechaawwan garagaraa raawwatuu fi WBOtti quba qabuu kun ajjeechaa humnoota mootummaatiin naannoo Gaambeellaa keessatti Oromoota qulqulluu irratti raawwatee fi Godina Addaa Saba Oromoo Walloo keessatti Oromoota irratti raawwate irraa xiyyeeffannoo hawaasa idil-addunyaa naannessuufi jechuun ibse.

Miidiyaaleen mootummaa fi finxaaleyyiin naannoo Amaaraa ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromootti quba qabuun komataa jiru, ajjeechaa Wallagga Lixaa Gimbii ganda Toleetti rawwatame kana humnoota mootummaa qabsaa’ota Waraana Bilisummaa Oromoo offakkeessaniin raawwatamuu barruun gaazexeessaa Maartin Pilaawotin barreefame hima.

Gaazexeessaan Maartin Pilaawot barruu isaa kanaan mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo fi dargaggoota Oromoo cabsuuf akka karoorfate ifatti dubbataa ture jedhe.

Dargaggeessi mootummaan amma cabsuuf karoorfate dargaggeessa qabsoo inni taasiseen ministirri mummee Abiy Ahmad aangootti dhufeedha jedhe.

Ajjeechaan Tolee Waxabajjii 18 bara 2022 raawwatame kaayyoon isaa guddaan odeefannoo sobaatiin Waraana Bilisummaa Oromoo  maqaa xurreessuu, akkasuma Oromoo fi hawaasa biroo giddutti wal dhabdee facaasuu fi Oromiyaa irratti waraana labsuuf sababa barbaaduudha jedha barruun Gazexeessaa Maartin Pilaawot.

Ajjeechaa Wallagga lixaa Gullisootti Sadaasa 3 bara 2020 raawwatames humnoonni mootummaa akka raawwatan kan eeru barruun Gaazexeessaa Maartin Pilaawot, yeroo sanis Waraanni Bilisummaa Oromoo qaamni walabaa qorannoo akka taasisu waamicha dhiyeesse turuu yaadachiisa.

Siyaasaaf jecha hawaasa nagayaa ajjeessanii qaama biraatti quba qabuun tooftaa bulchiinsa Abiy Ahmad ta’aa dhufee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo ajjeechaawwan raawwataman hunda qaamni walabaa kanneen akka Komishiinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii seenee haa qoratu jechuun waamicha taasisuus mootummaan gama isaatiin waamicha kana hin awwaanne.

Gama biraan embaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu “Itoophiyaa keessatti walwaraansa deemaa jiru hunda xumura itti gochuudhaaf biyyattiin marii akka filattu gaafachuu itti fufna” jedhe.

Embaasichi ibsa tiwiitara irratti baaseen ajjeechaawwan kutaalee Oromiyaa garagaraatti raawwataman lammileen Itoophiyaa akka balaalleffataniifis gaafateera.

Kana malees, sarbamiinsa mirgoota namoomaa qaqqabaniifis itti-gaafatamni guutuun akka jiraatuuf Itoophiyaan akka hojjettuuf waamicha dhiyeessee jira.

Qaamoleen wal waraanaa jiran dhukaasa dhaabuun rakkoo isaanii mariin akka furataniif waamicha hawaasa idil-addunyaatiin taasifamaa jiru itti fufus, mootummaan Itoophiyaa WBO wajjiin mariin taa’u hin jiru jechuun waraana filatee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Japan to Extend 6.5 Mil USD Grant Aid To Drought Affected People in Somali Region | Satenaw: Ethiopian News

House Approves Over 786 Billion Birr Budget for Ethiopian FY | Satenaw: Ethiopian News