in

Duulli Twitarii ajjeechaa jumlaa humnoonni shororkeessitootaa Faannoo fi hidhattoonni Amaaraa aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti raawwatan balaaleffatu har’a galgala adeemsifamuuf jedha.


Duulli Twitarii ajjeechaa jumlaa humnoonni shororkeessitootaa Faannoo fi hidhattoonni Amaaraa aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti raawwatan balaaleffatu har’a galgala adeemsifamuuf jedha.

 

Qindeessitoonni duula Twitarii kanaa, Oromoota nagaatu qe’ee isaaniitti duguuggaan irratti raawwatamee jedhan.

Humnoonni shororkeessitootaa Faannoo fi hidhattoonni Amaaraa biroon meeshaa ammayyaa hidhachiifamanii fi leenjifamanii naannoo Amaaraatii bobbaafaman waggaa caalaaf uummata Oromoo aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa ajjeesaa, buqqaasaa fi qabeenya isaa mancaasaa turuu yaadachiisanii, shororkeessitionni kunneen gochaa badii isaanii itti fufuun ajjeechaa jumlaa kanatti cehuu eeraniiti jiru.

Duula twitarii kanaan gochaa suukkaneessaa magaalaa Agamsaatti uummata nagaa irratti raawwatame hawaasa addunyaatti ni saaxillaa jedhan.

Duula twitarii kana irratti dhalattoonni Oromoo akkasumas warreen mirga dhala namaaf falman akka hirmaatan qindeessitoonni yaamicha dhiheessaniiti jiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia’s Permanent Mission to UN Condemns Tedros’ Falsehoods Against Ethiopia | Satenaw: Ethiopian News

Debt service suspension initiative between Ethiopia and the Saudi