in

Duulli qinda’aa hidhattoota faannoofi humnoota mootummaa naannoo Amaaraatiin Oromiyaarratti baname, Godinaalee Horro Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti akkaan hammaatee itti fufeera jedhu maddeen.


Duulli qinda’aa hidhattoota faannoofi humnoota mootummaa naannoo Amaaraatiin Oromiyaarratti baname, Godinaalee Horro Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti akkaan hammaatee itti fufeera jedhu maddeen.

 

Ragaan viidiyoo fi suuraalee miidiyaa hawaasummaarra deemaa jiran yakka sababa Oromummaa keenyaatiif nurratti raawwate hunda kan agarsiisan miti kan jedhan maddeen, ilmoon namaa walitti qabamee bakka tokkotti abiddaan gubachuun, akka looniitti mormi gorraa’amee bineensaaf kennamuun taatee waggaa sadan kana guutuu nurratti raawwatamaa jiru jedhu.

Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaalee Jaardagaa Jaartee, Abee Dongoroo, Amuruufi Horro Bulluq keessatti weerara humnoonni faannoo adeemsisaniin, qaamolee poolisii humna addaa Oromiyaa dabalatee hawaasni nagaa haala wal fakkaataatiin ajjeefamaa jiru jedhu maddeen OMN.

Yeroo ammaa kanatti Aanaan Jaardagaa Jaartee guutuu guututti humnoota faannoofi hidhattoota Amaraatiin qabamtee jiraachuu kan himan maddeen, hawaasni aanichaa gara Saqalaafi Shaambuutti baqatee jira jedhan.

Daa’imman, haadholiifi maanguddoonni baqachuu hin dandeenye Jaarteefi Aliiboo keessatti humnoota faannootiin wareegamaniiru jedhu.

Bifuma wal fakkaatuun, Aanaa Amuruu bakka hedduutti jiraattonni buqqaafamuufi ajjeefamuu isaanii kan himan maddeen, humnoonni mootummaa waan ba’aniif jiraattonni magaalaa Agamsaa sodaa ulfaataa keessa jiraachuu himan.

Yeroo ammaa kanatti uummatni aanaalee daangaarra jiranii baqachuuf karaa ittiin baqatu dhabusaa kan himan maddeen, humnoonni faannoo daangaa ce’uun garas bobbaafamuu garuu cimsanii itti fufaniiru jedhu.

Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo ganda Tulluu Gaanaa jedhamurratti humnoonni faannoo wal ijaaruun, poolisii humna addaa Oromiyaa hedduu haleeluufi humni kun gara Angar Guuteetti bobba’uun, dilbata darbe mana amantaa keessaa uummata yaasuun akkasumas kaampii poolisii marsuun yoo xiqqaate nama 180 ol ajjeesaniiru jedhu maddeen.

Ragaa toorii maqaa namoota Angar Guutee keessatti humnoota faannootiin ajjeefamanii agarsiisu muraasnis OMN qaqqabeera.

Yakki duguuggaa kun Aanaa Angar Guutee magaalaa Guutee keessatti raawwatame.

Aanaa Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu keessattis yakki duguuggaa sanyii guyyoota sadan kana keessatti humnoota faannoo daangaa ce’uun Oromiyaa seenaniin raawwatamaa jiru hammaachuun lammiilee kumaatamaan lakka’aman manaafi qabeenya isaaniirraa buqqaaseera jedhame.

Aanaa Kiiramuufi magaalaan Haroo humnoota faannoo daangaa ce’uun Oromiyaa seenaniin haleellaa raawwachaa jiran kanaan qabamee jiraachuufi lolli ammallee itti fufee jiraachuu maddeen OMN himaniiru.

Godina Horro Guduruu Wallaggaafi Wallagga Bahaa aanaalee garaaagaraatti tibbana lubbuun namoota dhibbootaan lakka’amanii kan darbe yoo ta’u, manneen jiraattotaa danuun abiddaan barbadeeffamaniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Innovation: Third round Hult Prize on Campus kicks off at Addis Abeba University

Ethiopia Welcomes Signing of Sudan’s Framework Agreement –