in

Duulli ilmaan Oromoo dirqiin gara adda waraanaatti geessuu fi saamichi maallaqaa maqaa raayyaa ittisa biyyaatiin mootummaadhaan gaggeeffamaa jiru kutaalee Oromiyaa garaagaraatti itti fufee jiraachuun dhagayame.

[ad_1]

Duulli ilmaan Oromoo dirqiin gara adda waraanaatti geessuu fi saamichi maallaqaa maqaa raayyaa ittisa biyyaatiin mootummaadhaan gaggeeffamaa jiru  kutaalee Oromiyaa garaagaraatti itti fufee jiraachuun dhagayame.

 

Tibbana Baha Oromiyaa godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaatti akkaan hammaachuutu himame.

Godinaalee Arsii, Arsii Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa, Wallagga Bahaa fi Jimmaattis gochaa walfakkaataatu mul’ata jedhu jiraattonni.

Akka maddeen OMN himanitti erga lolli kaabaa irra deebiin jalqabee as dabballoonni sirnichaa dhaadannoo lukkuu hanga lubbuu jedhu qabatanii kutaalee Oromiyaa garaagaraatti ummatarraa maqaa deeggarsa raayyaa ittisa biyyaatiin kaan maallaqa irraa sassaabaa, kaan ammoo ilmaan isaanii jalaa guuraa jiru.

Gochaan kun kutaalee Oromiyaa mara keessa jiraatullee tibbana ammoo Baha Oromiyaa godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa aanootaa fi magaalota garaagaraatti hammaachuu dubbatu.

Addatti ammoo guyyaa kaleessarraa eegalee hamma har’aatti taateen aanaa Malkaa Balloo keessatti ta’aa jiru akkaan rifachiisaadha jechuun jiraattonni OMN dubbise himu.

Jiraattuun aanaa Malkaa Balloo OMN’f yaada laatte tun akka himtutti humnoonni mootummaa gandarra bobba’uun daa’imman otoo hin hafne  konkolaataatti naqanii aanichaarraa baasaa jiru jechuun himti.

Kanaan dura miseensa maatii ishii keessaa namni abbaa ilmaanii tahe tokko fuudhamee gara lola kanaa geeffamee ergasi ergaan du’e jettu maatiitti galuu kan himtu namni tun, ammaas karaan daa’imman kanaa sanuma  jechuun maatiin akkaan sodaa qabaachuu dubbatte.

Haaluma walfakkaatuun halkan edaa aanaa Gooroo Muxii keessaa itti gaafatamaan waajjira bukchiinsaa fi nageenyaa aanichaa humnoota hidhatan wajjiin tahuudhaan daa’imman xixiqqoo dabalatee namoota hedduun walittii qabuun raayyaa ittisa biyyaatti makamtu jechuun dirqamaan fuudhanii deemuu himan.

Daa’imman, barattootaa fi dargaggoota Oromoo humnoonni mootummaa garii manatti itti seenuun kaan daandiirraa, kaan mana baruumsaarraa fi iddoo argan maraa butanii guuruun kun tibbana Baha Oromiyaatti bifa addaan adeemaa jiraatus yeroo ammaa kutaalee Oromiyaa garaagaraatti babal’ataa jiraachuu maddeen OMN’tti himaniiru.

Godinaalee Arsii, Arsii Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa, Wallagga Bahaa fi Jimmaattis gochaa walfakkaataatu mul’ata jedhu jiraattonni.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii ganda Dirree Qabbanaatti humnoonni mootummaa Qeerroo Jaalataa Baqqalaa jedhamu haala sukkaneessaan ajjeesuu maddeen OMN himan.

Humnoonni Tikaa Mootummaa Artistoota Oromoo adamsanii hidhuu fi dararuu itti fufanii jiraachuun dhagahame. – OMN