Duulli deeggarsaa Sinodoosii haaraa uffata adii uffachuun fuula miidiyaa hawaasaa irratti adeemsifamaa jira.
Duulli deeggarsa Sinodoosii haaraa kun mata duree “Adii uffanna, adii dubbanna” jedhuun hordoftoota amantaa ortoodoksii dabalatee ummata Oromoo bal’aan adeemsifamaa jira.
Sabaa fi sablammoonni Itoophiyaa walakkaa Jaarraa oliitiif gaafii afaan ofiitiin amantii geggeefachuu fi nama ofiitiin tajaajilamuu kan gaafataa turan yoo ta’u, hooggantoonni mana amantaa Ortodoksii gaafii kanaaf deebii laatuu dhabuu fi ukkaamsuun akka sinoodoosiin haaraan hundaa’uuf sababa ta’ee jira.
Sinodoosii haaraa kana qaamonni mana amantaa kana daheefachuun daldalaa siyaasaa adeemsisaa turan mormuun uffata gurraachaa uffachuu hamma rifeensa haadatuutti kan dhaqqaban yoo ta’u, kanneen gaafiin isaanii waggoota dheeraa booda deebi’eef hundeefamuu Sinoodoosii haaraa kana miira gaariin simachuun uffata adii uffatani deeggarsa qabaniif argisiisaa jira.
Haaluma kanaan Ummanni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiru duula deeggarsaa siinoodoosii haaraa fuula miidiyaa hawaasaa irratti adeemsisaa jira.
Duulli deeggarsa Sinodoosii kun mata duree “Adii uffanna, adii dubbanna” jedhun kan adeemsifamaa jiru yoo ta’u, duulichi ammoo kan jalqabe erga abbootiin amantiin kutaa lallaba Arsii lixaatti ramadaman ummataan akka aadaa Oromootti uffata Adii ykn gaabii uwwifamani booda.
Duulli adii uffanna, adii dubbannaa kun hayyoota, artistoota, hojjattoota, abbootii amantii, hordoftoota amantaalee garagaraa, aktivistootaa fi fayyadamtoota miidiyaa hawaasaatiin adeemsifamaa jira.
Kaayyoon duula kanaa Sinoodoosii haaraa hundeefame deeggaru yoo ta’u, qaamota siinodoosii kana falmuun gurraacha uffatan mormuuf akka ta’e sochiin marsaalee hawaasummaa irratti taasifamaa jiran ni mul’isu.
Duula deeggarsaa kana ilaalchisuun namoonni baay’een suuraa isaanii fuula miidiyaa hawaasaa irratti yaada deeggarsaa Sinodoosii haaraa waliin maxxansaa jiru.
Hayyuun Poolisii Falasamaa fi geggeessummaa Doktar Husseen Kadiir yaada fuula barruu ykn Facebook isaani irratti barreessaniin, “Afaan Oromootiin haa barannu, haa barsiisnu jechuun hangana nama boochisaa?, kana hunda nama maraachaa? Guraacha nama uffachiisaa?” jechuun kanneen Sinodoosii haaraa kana mormuun guurraacha uffatan yoo gaafatan, “dubbiin tun dubbii Oromoo, Oromummaa, Sabboonummaa Oromoo, Oromiyaa, Sabaa fi Sablammotaa of keessa qabdi akkasiin isin bira haa bultu” jedhan.
Itti dabaluun “Dubbiin dubbii siyaasaa, diinagdee fi faaydaa isaaniin hin malle kan argachaa turan dhabuu of keessa qabdi” jedhan.
Ammaan booda biyyi kan jiraattu mirgi Sabaa fi Sablammootaa haqaan yoo eeggame, abbaan biyyumaa yoo mirkanaa’e fi gaaffiin Oromoo Sabaa fi Sablammootaa hundeedhaan yoo deebi’eedha jechuun barruu isaanii goolaban.
“Adii uffanna, Adii dubbanna, Waliif dubbanna Akka aduu ifna” jechuun kan barreessan ammoo Barsiisaa saayinsii siyaasaa Kolleejji Albiyoon doktar Milkeessaa Miidhagaati.
Artist Galaana Gaaromsaa ammoo “waanti baay’ee namatti tolu waaqni Afaan hunda dhaga’uu isaati” jechuun fuula barruu isaa irratti maxxanse.
Galaanaa Gaaromsaa maxxansaa biraatiin;
“Lafa koo jalachaa nama koo kan jibbu
Jaarraa tokkoo oliif shira kan lallabu
Mandhee wal diigessaa leenci itti hin galu
Wal qixxummaan dhufnaan garboomsuudhaf lolu” jechuun haala amma biyyatti keessatti adeemsifamaa jiru walaloo gabaabduun ibsee barreesse.
Artist Saamsoon Makkonnin Lataa “Adii Uffanna! Adii Dubbanna! Adii unanna” jechuun barreesse.
Artistoonni akka Taaddalaa Gammachuu, Qamar Yuusuf, Ittiqaa Tafarri, Bilisummaa Dinquu, Daawitee Mokkonnin, Usmaan Sheekaa, Leencoo Gammachuu, Mohaammad Aadam fi kanneen biroo artistoota duula deeggarsa Sinodoosii kanatti dabalaniidha.
“Inni tokko afaansaa cabe, aadaasaa badeef quuqaa dubbata, Inni tokko si bulchuun dhabe, si saamuun dhabeef Gurraacha uffata” jechuun kan maxxanse ammoo dubbi himaa sinodoosii haaraa barsiisaa Hayilamikaa’el Taaddasaati.
Afaan ofiitiin waaqeffachuuf eeyyama nama kamuu nu hin barbaachisu, Afaanuma keenyaan baranna, afaanuma keenyaan waaqeffanna, afaanuma keenyaaan bulla, afaanuma keenyaan murteeffanna, gurraachi uffatames dhiisees, wacames, dhiisees imalli afaan ofiiin waaqeffachuu ittuma fufa” jechuun kan barreessite ammo gaazexeessituu Asiyaa Mohaammad.
Abdoo Qaadii Abbaajabal “Amantaan koo amantaa Islaamaati. Obboleewwan koo amantaa Ortodoksii haqa ofiitiif qabsaawaa jiran waliin nan dhaabbadha. Siinodoosii haaraa afaan ofiitiin tajaajilamu hundeessuun mirga ofii kabachiisuu dha male mirga namaa tuquu miti” jechuun barreesse.
Walumaagalatti duulli deeggarsaa Sinodoosii haaraa bal’innaan maarsaalee hawaasummaa irratti adeemsifama jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings