in

Duula tibbana dhaabbaticha irratti geggeeffamaa jiru itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu OMN’f kan ibse Kaadhimamaan PhD, Ogeessi Diinagdee Kumadeebis Taammiruu Gammachuu, Dhaabbileen akka Safaricom gabaa Itoophiyaa keessa akka seenaniif hayyamamuun bu’aa diinagdee olaanaa kan argamsiisudha jedha.

Dhaabbatichi waggoota 15 keessatti namoota miiliyoona 1 fi kuma 500 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfateera kun bu’aa guddaa Safaricom gabaa biyyattiitti seenuurraa argamu isa tokkodha kan jedhu kumadeebis, Guddina diinagdee biyyaaf, hanqina sharafa alaa furuu fi cehumsa Tekinooloojiif bu’aan qaban olaanaa ta’uu ibse.   

Kun kan tahu garuu yoo bu’uura sirriirra dhaabbachuuf danda’anidha jedha.

Safaricom hammam carraa bal’aa qabatee gabaa biyyattiitti seenaa jiraatus adeemsa amma itti jiramuun garuu ummata keenyaaf bu’aa argamsiisuun hafee, rakkoo Oromoo diinagdeerraa moggeessuu baroota dheeraaf biyyattii keessa ture kan itti fufsiisu ta’uu ibse.

Adeemsi Safaricom Gabrummaa Diinagdee Oromoo irratti kan fe’udha jedhan Ogeessi Diinagdee Kumadeebis Taammiruu Gammachuu.

Kaampaaniiwwan akka Safaricom gabaa Itoophiyaatti seenuun carraa investimentii guddaadha, bu’aan diinagdee argamsiisanis olaanaadha kan jedhan Ogeessi diinagdee kun, haata’u malee adeemsi Oromoo Diinagdeerraa moggeessuu ganamumaan dhaabbaticharraa mul’ataa jiru dhiibbaa hamaa qabaachuu hubachiisan.

Dhaabbanni Telekoomii guddichi Safaricom mootummaa Itoophiyaarraa hayyama hojii argachuun gabaa biyyattiitti seenuuf yeroo qophii xumuraa jirutti, komiin jabaan kallattii garaagaraan irratti dhagahamu jabaatee itti fufeera. 

Dhaabbatichi Adeemsa Qacarrii irrattis ta’e Ejentiiwwan waliin hojjetu filachuu irratti loogii jabaa mul’iseera, adeemsa garee tokko qabatanii qaamolee hawaasaa biroo moggeessutti seeneera jedhamuun komiin jabaan irratti dhihaataa jira. 

Adeemsi dhalattoota Oromoo dhiibuu fi Ummaticha diinagdeerraa moggeessuu baroota dheeraaf irratti hojjetamaa ture kun Safaricom keessatti lafa qabachuu hin qabu kan jedhan dhalattoonni Oromoo hedduun, Dhaabbatichi adeemsa ummaticha miidhu, darbees hojii dhaabbatichaayyuu gaaga’uuf danda’u kanarraa akka deebi’uuf bifa garaagaraan gaafataa jiru.

Duula tibbana dhaabbaticha irratti geggeeffamaa jiru itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu OMN’f kan ibse Kaadhimamaan PhD, Ogeessi Diinagdee Kumadeebis Taammiruu Gammachuu, Dhaabbileen akka Safaricom gabaa Itoophiyaa keessa akka seenaniif hayyamamuun bu’aa diinagdee olaanaa kan argamsiisudha jedha. 

Dhaabbatichi waggoota 15 keessatti namoota miiliyoona 1 fi kuma 500 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfateera kun bu’aa guddaa Safaricom gabaa biyyattiitti seenuurraa argamu isa tokkodha kan jedhu kumadeebis, Guddina diinagdee biyyaaf, hanqina sharafa alaa furuu fi cehumsa Tekinooloojiif bu’aan qaban olaanaa ta’uu ibse.   

Kun kan tahu garuu yoo bu’uura sirriirra dhaabbachuuf danda’anidha jedha.

Safaricom hammam carraa bal’aa qabatee gabaa biyyattiitti seenaa jiraatus adeemsa amma itti jiramuun garuu ummata keenyaaf bu’aa argamsiisuun hafee, rakkoo Oromoo diinagdeerraa moggeessuu baroota dheeraaf biyyattii keessa ture kan itti fufsiisu ta’uu ibse.

Dhiibbaa adeemsi kun hordofsiisuuf malu salphisanii ilaaluun dogoggora guddaadha kan jedhu Kumadeebis, adeemsi akka Ummataatti kan numiidhuu fi Oromoo akka Sabaatti Gabrummaa diinagdee jalatti kan kuffisu ta’uu hubachuutu barbaachisa jedha. 

Safaricom adeemsa itti jiru sakatta’uun tarkaanfii sirreeffamaa malu akka fudhatuuf duulli eegalame jabaatee itti fufeera. Duulli eegalame kun dhiibbaa uumuuf kan danda’udha, bu’aa barbaadamu argamsiisuuf garuu tumsi qaama maraa murteessaadha jedha Ogeessi diinagdee kun. 

Dhaabbileen biyyattii itti waamamni isaanii mootummaa Federaalaaf ta’ee fi Dhaabbileen idil addunyaa hedduun adeemsa Safaricom keessatti gadidhaabbachuuf deemu kanaan garee tokkoon dhuunfatamanii Ummata Oromoo fi Sabaaf Sablammoota biyyattii biroo moggaatti dhiibanii jiraachuu hubachiisuun, Duulli eegalame kun Safaricom qofa irratti dhaabbachuu akka hin qabnes dhaameera.

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

China Keen to Deepen Cooperation with Developing Countries for Mutual Prosperity | Satenaw: Ethiopian News

Technology as a bridge for girls’ education in Africa | Addis Zeybe