in

Dura taa’aan KFO fi hayyuu dureen ABO jila diippiloomaatotaa gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa Maayik Haamariin durfamu waliin maryachuu paartiileen lameen beeksisan.


Dura taa’aan KFO fi hayyuu dureen ABO jila diippiloomaatotaa gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa Maayik Haamariin durfamu  waliin maryachuu paartiileen lameen beeksisan.

 

Paartiileen lameen fuula facebook isaanii irratti ergaa barreessaniin marii kanaaf embaasiin Ameerikaa Itoophiyaa jiru waamicha taasisuufii himaniiti jiru.

Dura taa’aan Koongirasii Federaalawaa Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa fi Dura ta’aan Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa marii Hoteela Hyyaat Reejensiitti jila diipiloomatotaa waliin taasifame kana irratti argamaniiti jiru.

Dhimmoota nageenyaa, dinagdeefi siyaasaa biyyattii irratti hooggantootni paartiilee siyaasa Oromoo kun lamaan diippiloomaatota waliin maryachuun ibsameera.

Haala qabatamaa waraanaa fi hongee Oromiyaan keessa jiru ilaalchisee marii geggeessuu dabalatee dhimmi marii biyyaalessaa fi hidhamtoota siyaasaas qaama marii sanaa ta’uu paartiileen lameen beeksisaniiru.

Maricha irratti biyyatti keessatti hongeen hammaachuu, dirreen siyaasaa dhiphachuu dabalatee dhiibbaa murni aangoo of harkaa qabu isaan irraan ga’e akkasumas sababa waraana kaaba biyyattiitiin  rakkoo gahe irratti maryatameeti jira.

Rakkoon siyaasaa biyyattii mudate marii qofaan hiikamaa jechuun dubbatamuu kan ibsan ABO fi KFO’n, waldhabdee siyaasaa karaa lolaatiin hiikuuf adeemsi deemame rakkoo caaluuf biyyattii saaxilee jira jechuun, rakkoo wal xaxaa keessa seename kanaaf furmaatni waarawaan marii biyyaalessaa ta’uu ibsan.

Hidhamtootni siyaasaa biyyattii keessatti hidhamanii jiran akka hiikaman gaafachuu isaanii eeranii, biyyattii keessatti mootummaan lola kallattii adda addaatiin qaamolee hidhatan waliin geggessaa jiru akka dhaabu gaafataniiru.

Wajjirootni partilee moorkattootaa cufaman akka banamanii fi paartiileen siyaasaa kun sochii bilisaan akka taasisan haalli mijaawuu akka qabu yaada dhiheessuus KFO fi ABOn ibsa isaaniitiin addeessaniiru.

Rakkoo biyyattiin keessatti kufte furuuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu jabeessanii gaafachuu kan addeessu ibsichi, haa ta’u malee mootummaan marii biyyaalessaa irraa ABO fi KFO dhiibuuf dhiibbaa inni gochaa jiru balaaleffatamuu qaba jedha.

Dhaabbileen siyaasaa Oromoo KFO fi ABOn dhiibbaan adda adda mootummaan isaan irraan ga’u sochii isaanii danqus akka dhaaba siyaasaa mirgoota ummata Oromoo akkasumas sabootaa fi sablammoota biyyattiif falmanitti qabsoo isaanii karaa nagaan gaggeessuu cichanii kan itti fufan ta’uu ibsanii jiru. 

Nagaan waarawaa gaanfa Afirikaa irratti addatti ammoo Itoophiyaa fi Oromiyaaf akka bu’uuf qoodni KFO fi ABO olaanaa ta’uu dippiloomaatonni Ameeriikaa kun ibsaniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Austria Appreciates Ethiopian Gov’t for Its Effort to Bring Durable Peace | Satenaw: Ethiopian News

News: OFC, OLF continue engagement with international community; meet U.S. special envoy in Addis | Satenaw: Ethiopian News