in

Dura taaa’aa itti aanaan KFO obboo Baqqalaa Garbaa haleellaan tibbana Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti raawwatamaa jiru qaamuma karoora Oromiyaa cabsuun Ummaticha gabroomsuuti jedhan.


Dura taaa’aa itti aanaan KFO obboo Baqqalaa Garbaa haleellaan tibbana Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti raawwatamaa jiru qaamuma karoora Oromiyaa cabsuun Ummaticha gabroomsuuti jedhan.

 

Aggaammiin kun Wallaggarraa haa eegalu malee Oromoo mara qaqqabuuf kan danda’udha, waloon dura dhaabbachuutu barbaachisa jedhu.

Qaamni qabsoo hidhannootti jiru gaaffii fi kaayyoo siyaasaa mataasaa kan qabudha kan jedhan Obbo Baqqalaan, Ummata nagaa jimlaan duguuguun gaaffii kana dhaamsuun akka hin danda’amne hubachiisaniiru.

Haala qabatamaa Oromiyaa irratti OMN waliin turtii kan taasisan Itti Aanaan dura taa’aa Kongiresii Federaalawaa Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa, mootummaan aangoo harkaa qabu  Oromiyaa gargar caccabsee, Oromoo gabrummaatti bulchuun karoora isaati jedhu. 

Karoora kana milkeessuuf ammoo waggoota darbaniif Ummaticha kutaa kutaan hiree cabsuuf yaalaa tureera. Aggaammiin kun Ummata Wallaggaa irratti eegalamus yeroo ammaa kutaalee Oromiyaa mara qaqqabaa jira jedhu. 

Haleellaan Diroonii tibbana Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti irra deddeebiin raawwatamaa jirus, qaamuma karoora Oromiyaa cabsuun, Ummaticha siqiqsanii gabrummaa jalatti bulchuu ta’uu hubachiisan Obbo Baqqalaan.  Adeemsi kun callisaan ilaalamnaan kutaa Oromiyaa marayyuu qaqqabuuf kan jiru tahuu hubachiisan. 

Balaa Ummata keenya irratti aggaamame kana hatattamaan dhaabsisuuf cabaa fi duguuggaa Ummata callisaan walirratti ilaaluu osoo hin taane,  adeemsa deemaa jiru irratti dammaqanii waloon dura dhaabbachuutu barbaachisa jedhan.

Lola Oromiyaa keessatti deemaa jiruu fi ejjennoo qaamni aangoorra jiru Oromiyaa keessatti waraana itti fufuuf qabu irratti kan gaafataman Obbo Baqqalaan, Waraanni Bilisummaa Oromoo Shiftaa akkanumaan bosona keessa deemee nama ajjeesu miti, qaama gaaffii siyaasaa mataasaa qabudha jedhu. 

Waraana kana balleessuuf dhaadachuu ykn Ummata naannoo waraanichi keessa socho’u jiraatu jimlaan duguuguun gaaffii kana ukkaamsuun akka hin danda’amnes hubachiisan. 

Mootummaan Itoophiyaa waraanni Tigiraayi eegalamuun dura, rakkoon jiru mariin akka furamuuf yaada furmaataa dhiyeessaa turrerra tarkaanfachuun gara waraana labsuutti ceheera, waraana kanaan garuu dhumaatii Ummataa fi kasaaraa waraanaa irraan kan hafe biyyi waan buufatte hin qabdu kan jedhan Obbo Baqqalaan, waraana Oromiyaa irraas bu’aan addaa eegamu akka hin jirre himan. 

Yeroo gubuu fi gaaga’ama Ummataa hammeessuurra yeroon gara mariitti cehuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Paying for Climate Damage Not Charity

Qondaalli olaanaan ABO Obbo Battee Urgeessaa dhibdeen siyaasaa Oromiyaa qawween furamu hin jiru, qaamni qawwee kaase hunduu gara mariitti dhufuu qaba jedhan.